Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr.Abiy Ahmed imaltuuf Jermen Firaankifurti jira, Itoophiyaan rakkoo hamtuu keessa dhufte ‘amma bilisummaa fi abdiitti harkatti nu hafe'


Muummeen Ministera Itoophiyaa Jermenii istaadiyoomii Firaankiferti keesatti
Muummeen Ministera Itoophiyaa Jermenii istaadiyoomii Firaankiferti keesatti

Muummeen Ministera Itoophiyaa imlatuu Awurooppaa irratti dubbachuutti jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:48 0:00

Dr.Abiy Ahmed imaltuuf Awurooppaa jiraa Itoophiyaa rakkoo hamtu keessa dhuftee ‘amma bilisummaa fi abdiitti harkatti nu hafe.

Muummeen minsitera Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed imlatuuf Awurooppa jira. Kora innii dhufueef keessaa tokko kora bulchootii Afirkaa waldaa Compact With Afrikaa jedhan.Waldaa kana Chansileerii Jemrneii Angelaa Mereklitti bara 2017 yayyabe.

Muummeen Ministera Itoophiyaa koraa fi imaltuuf Awurooppaa jira. Imaltuu Jermenitti chaansilerii biyya sunii Angelaa Merkeliin wal haasahe.

Kora Afrikaa fi Jermenii
Kora Afrikaa fi Jermenii

Kora Jermeniin bulchoota Afrikaa waliin qabaatte Compact With Africa irralleetti bulchootaan ya wal dubbate.

Korii sun ka Angela Merkel Afrikaa dingdee, investimentii fi waan hedduun jabeessuuf akka biyyootii dureeyyiin G20 dhiphuu fi bal’innalleen Afrikaa quba qabaatan waldaa kana yayyabde.

Amma biyya Afrikaa Itoophiyaa waliin biyya Afrikaa 11 Compact with Africa keessa jira.

marii ummata Itoophiyaatti Akka biyyootii guddatan G20 Afirkaatti invetimentii hojjachaa,daldalaan jabeessanii fi dhiphuu fi balinna isii quba qbaataniif Compact With Afrikaa kana yayyaban.

Waldaa kanatti Afrikaan cuftii daramuu dadneetti haga ammaatti Itoophiyaa waliin biyya 11 keessa jira.

Waldaan Compact With African kun baranallee akka Afrikaatti hojajchuu dandahan waan hedduun walk dubbatan.

Marii tanaan duubatti Dr.,Abiy nama Itoophiyaa Awurooppaa walti dhufeen istaadiyoomii Firaanikfertitti wal haasahe.

Nama Itoophiyaa waan hedduutti biyyaa oofa; Barnoota,milkii,siyaasaa,jireenna goomittaa qabu barbaada fi waan akka akkaati.

Itoophiyaan durii duriituu Awurooppaa waan hedduu waliin qabdi;barnootaaf Ingiiizi, Faransaayiin karaa baaburaatiin, Poortugaaliin waraana,Turkii fi Giriiikiin daldalaan, Siwiidiniin gama fayyaatii fi humna warana qilleensaa waliin hojjatti.

Jermenii, Rashiyaa fi Awurooppaa gama Bahaa waan hedduu waliin qabdi.

Awurooppaan biyya waraana heddu keessaa baate amma biyya daawwii itti yaahanii fi itti baqatan. Itoophiyaalleen akkas tahuu hinuma dandeetti.Taatullee hin taane.

"Amma waan lamatti harkatti nu hafe; bilisummaa fi abdii.Tana lamaan harkatti jabeeffannee,itti walgargaarree,itti wal yaamnee,Itoophiyaa arguu feenu sun hinuma jaarraa.Humnitii sun irraa nu dhowwitu hin jirtu.”

Itoophiyaan akka Dr Abiy jedhetti asii achi achi gahuuf waan durii hin beenne barachaa,waan itti hin inlaaliin itti laallachaa deemuu malte.

“Waan jireenna nurraa balleesse obsinee ciniinnannee biyya tana jabeessuuf hojjannaa.Akka awurooppaa siyaasaa barannee siyaasaa nuun cuftii qooda keessaa qabmnu qabaachuu mallellee.”

Taatullee akka jecha Dr.Abiyyitti “Itoophiyaan biyya namii akkuma fedhee akka qixxaa garagaggalfatu ta abbaa tokkootii mitii teennaa cufaa ta gumii balloo qabdi.”

Itoophiyaan hin muddee hin done,Itoophiyaan haatii tiyya hin huqqatte malee hin cinne jedha.Obsinee hidhaana hidhannee Itoophiyaa guddisuu malle jedha.

Waan mootummaan Itoophiyaan hojjachuuf lafa keeyyatee itti jiru keessaa; mirga namaa jabeessuu,waan biyyitii qabdu seeraan waliin gahuu,amala hujii guddifachuu, seeraan buluu,beela bahuuf hojjachuu fa.

“Gama seeraatiin dhiyoottuu tarkaanfii wal irraa hin cinne fudhanna. Barnootaa addunyaattuu jaaltan qabaachuuf karoora baafnee itti jirra. Waldhaba naannolee hambisuu,hariyummaa biyya ormaa jabeeffachuu.”

Dubbii istaadiyoomiitin duubatti marii nama Awurooppaa waliin qabaateen mootummaa isaa warra horii ummataa nyaataa balleesse dhiyootuu seeratti dhiyeessa. “Olaantummaa seeraa gudduma obsitanii guyyuma diqqaa tokko nu eegaa.”

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG