Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan aaddee Me’aazaa Ashennaafii Pirezidaantii Mana Murti Walii Galaa tolchitee filatte, obboo Salamoon Araddaatti itti aana


Me'aazaa Ashennaafii, Pirez., Mana Murtii Walii Galaa Itoophiyaa

Itoophiyaan aaddee Me'aazaa Ashennaafii pirezidaantii Mana Murtii Walii Galaatii filatte
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:04 0:00

Aaddee Ma’aazaa muummee ministera Itoophiyaa, mootummaa Dr Abiy Ahmeditti hujii tanaa filatee parlaamaa Itoophiyaatti mirkaneesseef.

Aaddee Ma’aazaan nama abukaatoo tahee hojjate,dubartii Itoophiyaatti waldaa abukaatota dubrtoota Itoophiyaa yayyabellee.

Nama Tokkummaa Mootummootaatti koomishiinii dinagdee Afrikaa keessa hojjatellee.

Akka jecha aaddee Ma’aazaatti hujiin tun jajjabduu taatullee gammachuun fudhatte.

“Itti gaafatamii pirezidaantii mana murtii guddoon; abbaa seeraa tahuu,hujii bulchiinsaati,hujii diplpmaasiiti, warra seera baasuun,itti gaafatamtoota mootummaatii fi warra dubbiin laaltuun waliin hojjachuu.Muuxannoo qabu walti qabadhee hojjadha.Eeyee hin dandahaa hin hojjadhaa.”

Hujiin mana murtii ammoo waan hedduu walxaxaati taatullee “akka dansaa qajeelchee, miilota tiyya jajjabduu itti filadhee hujiitti dabarra.”

Itoophiyaatti abbootii seeraa duruu waan hedduun himatan matuma ufiitiin hojjatan/ mootummaatti hajaja fa jedhan.

Aaddee Me’aazaan ammoo pirzidaantii mana murtii walii galaa matuma ufiitiitti hirkantee hujii tana hojjachuu male.

“Akka manii murtii matuma ufiitiin hojjatu, parlaamaatti marii hardhaatiin naa mirkaneesse.Dubbii muummeen ministera Itoophiyaa kalee Firaankifertitti dubbate irrallee tanuma hubadhe.Tanaafuu yaada kiyyaa fi ka mootummaalleen waluma fakkaata jechuu.Hujiin sun ulfaattullee hojjachuu hinuma dandeenna.”

Akka aaddee Ma’aazaatti seerii warqata qofa irra jiraachuu hin malle.Abbaan seeraa nama horii fi siyaasaan sossobamu tahuu hin malle.

Tana maleellee paarlaamaan Itoophiyaa nama muummeen ministeraa itti aanaa pirezidaantii mana murtii tolchee filate,obboo Salamoon Araddaalleen ya hujii tanaa mirkaneesse.

Obboo Salamoon nama hujii akkanaa tana biyya keessaa fi biyyaa alaallee hojjachaa bahe.

Manneen murtii addunyaa akka The Heague Netherlands jiruufillee nama akka gorsaatti hojjatee manneen barnootaa gugurdoo Amerikkaa ka akka Harvard faalleetti baratee digrii lammallee qabu.

Aaddee Ma’aazaalleen nama Amerikaa fi Itoophiyaatti baratee digrii lammeessoo qabu.

Jarii lachuu seeraan hojjachuuf kakatee hujiitti dabre.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG