Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaadhimamtoonni Paartilee Lamaan Kan Ameerikaa Duula Filannoo Xumuraa Geggeessaa Jiran


Kaadhimamtoonni kongresii USf dorgoman har’a duula isaanii guyyaa dhumaatiin sagalee uummataa argachuuf tattaafataa jiran. Paartileen ijoon biyyattii lamaan filannoo walakkeessa marsaatiin barcuma Senetii fi kan mana maree bakka bu’oota uummataa dhuunfachuuf dorgomaa jiran.

Prezidaant Doonaald Traamp gareen isaanii Ripaablikaanonni manneen maree lamaan akka dhuuffatan barbaadu, Dimokraatonni immoo kan garee tokkoon dhuunfatame mana maree fi Senetii harkaa baasuuf tattaafataa jiran.

Xiinxaltoonni Siyaasaa fi ba’iin yaada uummataa dimokraatonni barcuma mana maree bakka bu’otaa deebisanii injifachuu danda’u jedhu. Guyyaa borii uummati sagalee kennu barcuma kongresii 435 eenyu injifachuuf akka jiru kan Senetii immoo barcuma 100 keessaa 35 eenuy guutuu akka danda’u murteessuuf sagalee kennuuf jiran.

Prezidaant Traam kutaa Ohio, Indiyaanaa mi missour keessatti har’a duula filannoo geggeessaa jiran.

Prezidaantiin duraanii Baraak Obaamaan kaleessa kaadhimamaa dimokraatotaa Joe Donnelly-n deggeruuf jecha Indiyaanaa keessatti deggertootaaf haasaa dhageesisaniin ennaa bulchiinsa isaanii bara 2008 keessa daddaaqama dinagdee hamaa gara dandammachiisuutti kan fidan jechuun Donnelly faarsan.

Ripaablikaanonni imaammataa fi fooyya’ina waggoottan saddeet darban keessa hojjetaman faallessuuf yaalan jechuun qeeqan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG