Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manchester Sitiin dorgommii EPL irratti Southampton lafaan qotuma qottee goolii 6 itti faatee galchite Rahem Isterlingi goolii lama galfate


Manchester Sitiitti akkanuma Southamton jajaanjessee goolii jaha itti guurte

Gaafa dubbiin hin tolin ijoolleetti qahee nama dheeta baanan taan tahuu hin ooltu. Southampton goolii 6 itti galchan goolii qaraa isiitti daqiiqaa 6essoo irratti ufiitti galchite.

Daqiiqaa 12 irratti ammoo Sergio Augeerotti biruma ejjee waraannateenii keessa buufate.

David Silva ammoo daqiiquma 6 qofa jalaa miila dhaabatetti goolii Rahem sterling istaadiyoomii gama mirgaatti itti kenne itti mikikkile.

Daqiiqaa 45essoo irratti ammoo Rahem Sterling goolii gama itti kennan miila mirgichaan qabbaneeffatetti bitaachaan itti cuqqaalate.

Daqiiqaa 67esso irralletti tokko itti dabalatee,Sterling abbaa goolii lamaa tahe.

Adoo taphii dhumachuuf sekondiin liliphiftu Aerlingtoniin tapha kana irratti kubbaa sadii nama goolii galchu dura buuse kaan kukuruphachaa dhufe kubbaa Leroy Sane dura buuse.Innilleen daqiiqaa 91essoo irratti goolii keessa buuseef.

Manchester Sitiin akkanuma tolchaa,daqiiqaa 90 caalaa gibirsiiftee lafaan qottee goolii jaha itti galchite.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG