Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maratoonii New York ta kalee dhiiraan Lalisaa Deesisaatti moo'e,Shuraa Qixxaataa ammoo lammeesoo bahe dhalaan Keenyaatti qabaadhate


New York City Marathon 2018
New York City Marathon 2018

Dhiiraan Lalisaa Deesisaati lammeesoon ammmoo Shuraa Qixxaataati dhalaan ammoo atileeti Keenyaa Mary Keytaaniitti moo’e.

Keytaaniin maratoonii NY ta bara 2017 irratti lammeessoo baate.Ta itti aantellee atileetiI Keenyaati taan ammoo ta USA.

New York City Marathon 2018
New York City Marathon 2018

​Lalisaan ammoo gurbaan ganna 28 ti Maratoonii Amerika Boston marroo lama moo’e.Namii isatti aanee lammeessoo tahe Shuraa Qixxaataati,Itoophiyaa sadeessoo atileetii Keenyaati.

Atileetiin Keenyaa maratoonii tana ganna dabre moo’e kalee ammoo sadeessoo bahe.

New York City Marathon 2018
New York City Marathon 2018

Maratooniin New York tun dorgommii IAAF gannuma gannaan qopheessuu nama kuma 50 caalaatti irratti dorgome

AFCON 2019

Garee F keessaa qabxii 4 qabdii lammeesoo jirti.Keenyaan garee tana keessaa qabxii 7n dura jirti.Gaafa waancaa kubbaa miilaa Afrikaa bara 2017tii dabruuf Gaanaan walti martee 5-0 dhaananii galchan.Sanbata dhufullee Gaanuma suniin walti marte. Itoophiyaan biyyumaa fi biyyee ufi irratti Finfinneetti taphatti.

Leenjisaan Itoophiyaa,Abraham nama 23 ya filatee qixeeffate.

Itoophiyaan tapha haga ammaatti taphatteen Burundiin 1-1 lanqaansoo jiddee Itoophiyaan Seraaliyoona 1-0 moote,Finfinneetti Keenyaan 0-0 lanqaansoon jigan. Naayroobiitti ammoo Keenyaatti Itoophiyaa 3-0 dhaanee duwwaa galche.

Jarii innii qopheeffate kun hagii guddaan namuma biyya keessa jiruu nama sadii ammoo Masrii yaammate.Shimellis Beqqelee,Gattuchi Panoomii fi Omad Okuriti.

Itoophiyaan yoo hardha Gaanaa biyyumaa fi biyyee isii irratti moote akkuma bara 2013 waancaa kubbaa miilaa Afrikaa Kibbaa kaan dabartii jechuu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG