Xurree ittiin seenan

Breaking News

US filannoo kaleetiin bulchoota 500 oli filatte warra filame keessaa tokko Ilhaan Omar nama Soomaleeti kaan Joe Nugusee nama Eertiraati


Ilhaanii fi Joe
Ilhaanii fi Joe

Warra filannoo bulchoota US ta kalee moo'e keessaa tokko intal Somaaleeti kaan gurbaa Eeritaati
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:47 0:00

Kalee Amerikaatti nama miliyoona 40 caalutti bahee bulchoota filate.Fulaa kuma 170 keessatti nama filatan.

Filannoon tanaan paartiin Demokiraati Miseensa Mana Marii US 222 moote, Rippaabilikaan ammoo 196 argatte.Manii Marii US ganna lama lamatti miseensa filataa nama 435 qabaata.

Senetiin ammoo harkuma paartii Rippaabilikaanitti hafe. Senetii Amerikaa ganna jaha jahatti filanii miseensa nama 100 qabaata.Akka amma jirutti paartii Rippaabilikaan Senetii 51 qabdii Demokiraati ammoo 46 argatte kaan kaardi lakkahuutti jiran. US yoo walti deebisan miseensa Kongireesii 535 qabdi.

Warra filannoo baranaa moo’e keessaa tokko intala Somaalee Ilaan Omar nama ganna 37 Somaalee magaalaa Raas,Cabaaditti dhalatte haadha ijoollee sadiiti.

Miseensa Mana Marii taatee paartii Demokiraatiif godina Minisootaatii filatamte North Dakota State University keessaa eebbifamte.Baqattee kaambii baqaa asiin baate.

Kaan ammoo gurbaa Eertiraa,Joe(Joseph) Nugusee .Nama ganna 34-35 keessa jiru. Bakersfield, California dhalate. Yuniverstii Denver,Koloraadii damee Boulder keessaa eebbifame.

Innilleen Denver aanaa lammeessoo keessaa miseensa Mana Mariitiif filame. Faaxummaa Nuurdoo Daddafoo jara paarti Demokiraati fulaa bu’ee akka namii MN keessatti paartii suni bahee filatu filannoof nama baannachaa bahe keessaa tokko.

Filannoo namii baqataa biyya alaallee tahe abbaa fedhe itti filan tanaan ijoollee Oromoollee tahe ijoollee saba Itoophiyaa waan hedduu irraa baratti jetti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG