Xurree ittiin seenan

Breaking News

Harargee Bahaatti waraanii naannoo Somaaleetii hidhate dhufe jedhan guyyaa 10 keessatti Cinaanksen keessatti nama haga 15 fixe


shiftaan naannoo Somaalee Harargee Bahaatti nama 15 fixxe
shiftaan naannoo Somaalee Harargee Bahaatti nama 15 fixxe

Shiftaan naannoo Somaaleeti dhufte dhiyoo tana nama 15 caala Cinaaksenitti fixxe
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:10 0:00

Cinaaksen lafa bara hedduu rakkoo akkanaa keessa jirtu.Diirama kanallee akka bulchiinsii Cinaaksen jedhetti waraanii gara daarii Somaaleetii dhufe nama hadhee baqatu kun...'sjhiftaan Soomalee’ Qaraaruutti nama aate.

Kalee araddaa Kalaa-Rogaatti, nama tokko madeessan,guyyaa dheengaddaa gara Makkinniiasa-Oromootti nama lama fixxee 6 madeessite.

Hardha araddaa Qaraaruu naannoo Caacaaleetti nama tokko madeessite. Akka bulchiinsaa fi warrii lafaa jedhutti ‘Shiftaa Soomaleetti’ akkana Harargee Bahaatti nama fixa.

Akka itti gaafatamaan odeeffannoo aanaa Cinaaksen obboo Omar Abdallaa jedhetti waraanii kun guyyaa 10 keessatti yoo akkam diqqaate nama 15 fixe.

Aaddee Zaytuunaa Yuusf,haadha ilmaan shaniiti.Louluma akkanaatti aanaa Tulluu-Guulet araddaa Geellaatii baqachiise. “Shiftaa Soomaleetti nu hadhe.”

Jari kun akka jecha aaddee Zaytuunaatti mana gubaa,horii saamee namallee fixee.

Waraanii akkanaa kun kaleellee akka obboo Omar jedhetti Kala-Rogaa keessatti nama tokko madeesse.

Guyyaa dheengaddaallee Makkinniisa-Oromoo araddaa Ciilileetti waraanii kun nama lama ijjeese jaha madeesse.

Ardaan waraanii kun guyyaa 10 keessatti nama 15 caalaa itti fixe akka jecha obboo Omaritti;

  • Ordaa
  • Kiiroo guddoo
  • Qaalegaa Warra Sayyoo
  • Waleensuu fa

Naannoo tanatti nama 38 madaahee amma hospitaala Hiywot Faanaa,Xuqur Amnbessaatti wallaanutti jiran.

Akka obboo Omar jedhetti akka kanaan Harargee Bahaa keessaa waraanii kun nama 19,220 baqachiise amma aanaa Cinaksen jira.Jarii kun mi’a waraanaa gugurdaa akka Bireenii faan nama hadhee baqata.

"Caamsaa 15,2010 irraa eegalee hanaga ji’oota sadaan safran kana keessa jechuuhardhaatti namoota 115 lubbuu isaanii dhabee jira ragaa guutu harkaa qamna.”

Jarii kun akka obboo Omar jedhutti “Shiftoota soomaleeti,naannoo Soomalee galu.”

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG