Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Booranaa aanaa Mooyyaleetti lolatti jira Mooyyalee Keeniyaatti ammoo kaleessa ijoollee Oromoo lama fixan


Mooyyale,dira Keenyaa fi Itoophiyaa jidduu jiru
Mooyyale,dira Keenyaa fi Itoophiyaa jidduu jiru

Waraanii naannoo Shanii Mooyale Booranaatti alaabaa dhaabatee tana irratti waraanii dhalate
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:54 0:00

Waraanii naannoo Somnaalee akka jiraattotii jedhanitti aanaa Mooyyalee gara Oromiyaa dhufee alaabaa ufii dhaabatee ummata lole. Sun irratti lolii dhalate.

Fulaan itti nama lolan,Qabbanaahaa,Gooroo Sooddaa,,Gooroo Buttee,Maddoo Miigoo fa. Madoolleen hedduu.Mana barumsaallee guban. “Haga hardhaatti nama 7tti rukatame,nama tokko lubbuun darbe.Isa tokko balaa guddaatti irra gahe,” jedha ogeessii hospitaala Mooyyalee.

Gama kaaniin ammoo sanbata darbe Mooyyalee Keeniyaa bakka Gaamboo jedhamutti lammileen Oromoo lama ajjeefamuu jiraattonni dubbatan.

Jiraattonni akka VOA’f himanitti namootni lameen kun namoota Naannoo Shanii dhufan jedhamaniin akka ajjeefaman himani.

Kantiibaan Magaalaa Moyyaalee Obbo Fuugicha Dheengees ajjeefamuun namoota lamaanii kun dhugaa ta’uu himanii amma haala ajjeechaa kanaa qorachuuf angawoota Mootummaa Keeniyaa duuka mariyachuuf akka jiran ibsaniiru.

Gama biraatiin harras godina Booranaa magaalaa Mooyyalee naannoo Qabbahaatti walitti bu’iinsa ka’een lubbuun namaa akka darbe, qabeenyillee akka manca’e jiraattonni VOA’f himanii jiru. Gabaasaa guutuu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG