Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan Malaammaltummaa fi Dhiittaa Mirga Namaan Wal Qabatee Angawoota 63 To’annaa Jala Oolchite


Birhaanuu Tsaggaayee,Abbaa alangaa addaa Itoophiyaa,

Itoophiyaan horii ummataa balleessuu fi mirga nama gadi qaban jedhee itti gaafatamtoota 63 oli hiite
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:45 0:00

Koroporeeshiniin sibilaa fi injineriingii biyyoolessaa METEC akkasumas tajaajilli tika nagaa biyyoolessaaf itti gaafatamoo kanneen ta’an dhiittaa mirga namaaf malaammaltummaan kan shakkaman namoonni 63 to’annaa jala ooluu isaanii illee beeksisaniiru.

Naannolee adda addaa keessa kanneen dhokatanii jiran shakkamtoonni illee poolisoota naannoo fi federaalaan gargaaramuun akka dhiyaatan dubbataniiru.

Dhoksaan waggoota 27 saaxil ba’ee jira. Dhaaboliin mootummaa gocha qofaan utuu hin taane maqaan kanneen sodaataman angawoonni itti siquuf sodaatamu murtiitti dhiyaatan.

Dhaabi METEC jedhamu qabeenyaa guddaa kan sochoosu yoo ta’u doolaara miliyoonaan laka’amu of harkaa qaba.

Saamichi guddaanis raawwatamuu isaa abbaan alangaa tuuta oduuf ibsaniiru. Dhaabi kun bara 2004 qabee hanga bara 2010ttu bittaa seeraan alaa doolaara biliyoona 37 raawwateera jedhan.

Bittaawwan kun martinuu caal baasiin utuu hin raawwatin ta’uu dubbatan. Kanaaf akkaataan bittaa sun malaammaltummaa hamaan kan ittiin geggeessame jedhan.

Jeneraalota itti gaafatamtoota korporeeshinii sibilaa fi injineriingii turnaii fi kan tajaajila tika nagaa biyyoolessaa duraanii ilaalchisee to

Annaa jala oolchuun rakkisaa yoo ta’e gaafatamanii yakkawwan raawwataman yakka sadarkaa addunyaa dhiifamni hin godhamneefi jedhan.

Martinuu seeraan ilaalama, hoogganaa nageenya naannoo tokko mitii hoogganaa biyyaa iyyuu yoo ta’e seeraan gaafatamaa, jalaa hin miliqu jedhan.

Kanumaan wal qabatee Finfinnee keessatti Amajjii 6 bara 2010 hiriira deggersa muummicha ministeeraa Dr. Abiy Ahimediif qophaa’e irratti haleellaan boombii raawwate hoogganaa tika nagaa biyyoolessaa duraan durfamuu isaa dubbataniiru.

Haleellaan raawwatame ilaalcha siyaasaa qabaachuu isaa kan ibsan abbaan alangaa, haleellaan sun itti gaafatamtoota hojii biyya keessaa fi biyya alaa jiraniin qindoominaan raawwatamuu isaa abbaan alangaa Birhaanuu Tseggaayee tuuta oduuf ibsa har’a kennaniin beeksisaniiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG