Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mooyyale hardhallee lafuma lolaati 'waraanii naannoo Somaalee' hardha nama sadii achitti fixee manneen Oromoo hedduullee guggube


Mooyyale (footoo durii)
Mooyyale (footoo durii)

Waraanii naannoo Somaaleetii hardahllee Mooyyaletti nama sadii fixee manneen Oromoo hedduu gube
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:37 0:00

Mooyyale hardhallee lafuma lolaati akka bulchiinsaa fi warri lafaa jedhutti waraanii naannoo Somaaleetii dhufe manneen Oormoo heddu gubee yoo akkam diqqaate nama sadii fixe

Kaleellee loluma keessa ooltee hardhallee sunuma keessa jirti Mooyyale. Fuggicha Dheengee bulchaa magaalaa Mooyyaleeti. Akka innii jedhetti waraanii naannoo shanii hardhallee daari Oromiytaatti taakkee olloota akka Qabbanaahaa,Gooroo Soodaa,Gooroo Buttee, Maddoo Miigoo fi sadarakaa lammeessoo Mooyyalee gube.

Ibiddii warrii namaan hadhullee akka jecha isaatti mi’a waraanaa gugurdaa mootummaan waliin hadhu.Akka kanaan jarii kun makiinaa wal fa’ee dhufee biyya hadhe jedha.

Waraanii ittisa biyyaalleen lafa silaa ummatinuu eegatu milishaa gandaati fi ummata achii baasee waraanii naannoo shanii kun mana barumsa sadarkaa lammeessoollee gube jedha aabba Fuggichii.

Yoo aabba Fuggichii dubbatu dibbeessii waraana gugurdaa bilbilaa keessaan dibbisa.“Alaabaa mootummaa naannoo Oromiyaa Mooyyale keessaa baasuu fedhan.”

Abbaa Gadaa Booranaa,Kuraa Jaarsoo fi miilotii isaa rakkoo tana mootummaa Federaalaati fi naannootti himachuuf Finfinnee jira.

“Haga ammaatti tussiinuu gargar hin cinnee nama du’aa fi jiraa addaan hin baamnee ammoo guyyaa kana nama saditti nurraa du’ee nama afuritti nurraa madaahe.Madooleen ya hospitaalaan baate”

Akka abbaan gadaa jedhutti waraanii mootummaa federaalaa lafa poolisiin Oormiyaa eeguutti jirtu irraa pooliii kaasee waraanii naannoo shanii dhufee mana barumsaallee gubee manneen Oromoollee hedduu gube.“Fulaan itti hadhuutti jiran lafa Booranaati.”

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG