Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanii naannoo Somaalee lola guyyaa 5 Mooyyaleen loleen nama 10 oli fixee 80 oli madeessee manneen jireennaa fi mana barumsallee guggube


Hospitaala Mooyyalee
Hospitaala Mooyyalee

Haleellaan Mooyyalee guyyaa 5 keessatti nama 10 caalaa fixe
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:41 0:00

Mooyyalee lola guyyaa 5 keessa ooltee bulte.Lola waraana naannoo shanii mi'a waraanaa gugurdaa qabutti naannoo Oromiyaa seenee loleen nama 11 dhumatee 85 madaahe hospitaali Mooyyale.

Haga kaleessaattis haleellaan kun ka itti fufe yoo tahu, harra hidhattoonni kun Raayya Ittisa biyyaa irrattillee dhukaasanii nami tokko gidduutti madaayeera jedhu jiraattonni.

Manneetiin hedduun, manni barnootaa sadarkaa olaanaa Mooyyalees hidhattoota balaa kana dhaqqabsiisaniin manca’eeraa jedhu jiraattonni.

Namootni ka miidhaan irra gahe kaan Hospitaala Mooyyaleetti, kaan ammo gara hospitaala Yaaballootti wallaanaman jedha hoogganaan hospitaala Mooyyalee, Dr.,Waariyo Saatoo.

Dooktor Waariyoon namootni miidhaman hedduu waan ta’aniif gargaarsa guutuu namoota miidhaan irra gaheef kennuun humna keenyaa ol turellee jedhan.

Jiraattonni humna Raayya ittisa biyyaa magaalattii keessa buufatee jiru nagaa nuuf hin eegne jedhaii komatu.

Raayyaan Ittisa biyyaa yoo jiraattonni mana barumsaa kanarraa hidhattoota deebisuuf jedhan, dhiisaa hin eegnaa jedhee, gidduun hidhattoonni kun humna dabalataan dhufanii mana barnootaa kanarraan miidhaa geessisan jedhu.

Jiraattonnii akka jedhanitti Raayyaa Ittisaa keessaa warra badetti jira.Kanaafis mootummaan deebii quubsaa seeraan yoo kennuu baatee, nageenyi magaalattii bakkatti deebi’uunsaa shakkisiisaadhall

Waan Mooyale rakkisuutti jiru keessaa kaan ammoo waan zooii Daawaa jedhan. Akka jiraattonni jedhanitti godinii bulchiinsii naannoo Somaalee godina Oromiyaa irraa lafa kutatee ta ufii tolfachuu fedha.

Waraanii naannoo Somaalee kun gama kaaniin hardhallee waraana Raayyaa Ittisaa irratti tokkosee nama tokko madeesse.

Bulchaan aanaa Mooyyalee,Baggajjaa Morgeelleen waraana loltuu mootummaa keessaa badetti waraana naannoo Somaaleetti galanitti jiraa jedha.

Gargaarsa Biiroo Fayyaa Oromiyaa

Biiroon Fayyaa Oromiyaa lola Mooyyalee kana qubuma qabdii akka I/G/Biiroo tanaa Dr. Derejjee Dhugumaa jedhetti rakkoon guddoon jirtuu ta qorsaatii sunilleen karaa jira.Godinaan quba wal qabanii yoo rakkoon dhiigaa jiraattellee erguuf kurfoo jiran.

Mooyyale madoolee hedduutti jira,sunuu manii akimii Mooyyalee diqqaa,kaan ammoo Yaaballotti ergan kaan km hedduu geessan.

Akka Dr.,Derejjeen jedhetti lafa waraanaa ta akkanaa tanatti manneen akimii jabeessuun hujii isaanii ta itti aantu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG