Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Raawwatameen Maatiin Tokko Dhuman Jedhu Jiraattonni Bulchiisa Beenishaangul Gumuz Aanaa Yaasoo


Enrique Chiu es el único artista con permiso por parte del gobierno estadounidense para pintar en el muro fronterizo entre México y Estados Unidos.
Enrique Chiu es el único artista con permiso por parte del gobierno estadounidense para pintar en el muro fronterizo entre México y Estados Unidos.

Haleellaa Raawwatameen Maatiin Tokko Dhuman Jedhu Jiraattonni Bulchiisa Beenishaangul Gumuz Aanaa Yaasoo
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:52 0:00

Naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Yaasoo keessatti kaleessa haleellaa raawwatameen guutummaa maatii namoota saddeetii dabalatee namoonni 32 dhumuu isaanii kanneen aanaa sana irraa baqatanii yeroo ammaa Wallaggaa bahaa aanaa Haroo Limmuu keessa jiran ibsaniiru.

Namoonni hidhatan halkan mana namaatti ol seenanii kan nama fixan ta’uu kan dubbatan jiraattonni lubbuu isaanii baafachuuf gaarreenii fi bosona keessa kutanii halkan gamasii baqachuu dubbatu.

Waa’ee ajjeechaa kanaa quba qaba yoo ta’e bulchiinsa naannoo Sanaa irraa deebii argachuuf biiroo kominikeeshinii naannichaa irraa deebii kan nuuf kennan obbo Zelaalem Jaal’ataa haleellaa dhaqqabe kana ilaalchisee odeffannoon nu dhaqqabe hin jiru hin iyyaafanna ka jedhu deebisan.

Itti-aanaa itti gaafatamaan Biiroo Bulchiinsaa fi nageenyaa Oromiyaa Obbo Abbebee Garasuus, waa’ee ajjeechaa gidduu kana Benishaangul-Gumuz, Yaasoo keessatti geggeessamee – jedhamuu gaafatamanii waajirri isaanii akka quba qabu dubbatan. Lakkoobsa namoota ajjeesamanii garuu adda-baasanii hin dubbanne.

Gama biraatiin, walga’ii paarlaamaa Itiyoophiyaa dhaabbataa har’a aadde Burtukaan Miidhagsaa Boordii filannoof muudamuu mirkaneesse irratti, miseensi paarlaamaa tokko, dhuminsaa fi nbuqqa’insa uummata Wallaggaa keessaa kana ilaalchisanii dhiheessaniif, muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa deebii gabaabaa kennaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG