Xurree ittiin seenan

Breaking News

Totten Haam dhahuma dhooftee Cheslii 3-1 cinaacha lafaan geette Manchesr Sitiilleen waluma irraa fuutee West Ham goolii 4 itti faate


Taphataa TottenHaam, Harry Kane(bitaa) fi taphataa Watford,Adrian Mariappa akkana kubbaa wal saama
(Bitootessa 30,2018)
Taphataa TottenHaam, Harry Kane(bitaa) fi taphataa Watford,Adrian Mariappa akkana kubbaa wal saama (Bitootessa 30,2018)

Kilabootii kubbaa miilaa addunyaa gamuma gamaan wal dhahuutti jiran.La Ligaa keessaa tapha guyyaa dheengaddaatti kilabiin ganna 4n duratti gara La Liiga oli baate Eibar malachuma malattee Real Madridi 3-0 dhukkeessite.Goolii qaraa Gonzaalootti keessaa busuef, lammeessoo Sergiitti itti dareef,sadeessoo ammoo Kiikeeti irra buuseef.

Riyaal Madriin akkana taatee duwwaa galte.Tapha Sitiin West Haam lafaan qottee 4-0 galchite sun irratti Raheem Isterlingi qabaa dhaqanii ufi jibbaatan.

Xaaphi xallaaphi,jechaa kubbaa nama dura buusee deebi’a. Leroy Saanee ammoo habalakki tolchee gooliin reeba.Akkuma akanaan goolii lama galfate.

Isterlingi gurbaa ganna 23ti lakkoofsa 7 keeyyate dura taphata. Gurbaan kun dhalootaan Jameeyikaa gaafa gannii isaa 5 haadha waliin Londonitti gale.Warra miilii isaa doolara miliyoona hedduun bitan keessaa tokko.

Mindaan isaa barana ji’atti Euro kuma 180. Euroon doolariiyyuu hin caalti.Goolii kilabiin isaa,West Haamiin moote tana ta qaraa Davdi Silvaatti daqiiqaa 11 irratti galcheef, lammeessoon ammoo Isterlingi sadeessoon ammoo Lery Saaneetti daqiiqaa 93 irratti galfate.

Chelsii tapha EPL ka baranaa irratti haga ammaa namii cinaacha lafaan hin geenne guyyaa dheengaddaa Totten Ham waluma irra marsitee qaariftee jilbiiffachiifte.

Ijoolleen Totten Haam istaadiyoomii Wembley keessatti Chelsii 3-1 biraa yaate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG