Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaan Nu Irraa Haa Dhaabatu Jechuun Magaalaa Naqamtee Keessatti Kaleessa Hiriirri Geggeeffame


Oromia map
Oromia map

Ajjeechaa fi uummanni qe’ee irraa buqa’uu mormuu dhaaf kaleessa magaalaa Naqamtee keessatti hiriirri geggeeffamuu isaa sagantaa keenya kaleessaa irratti gabaasuun ni yaadamta.

Hiriirri kun har’as itti fufee ibsa ejjennoo dhiyeessuu akkasumas kanneen du’an yaadachuuf sirni ibsa dungoo qabsiisuun xumuramuu bakka bu’oonni garee mormituu fi qaamni mootummaa nuuf ibsaniiru. Kanneen naannoo daangaa Beenishangulitti ajjeefaman keessaa sirni awwaalcha Shaambal Geetaachoo illee raawwatamuu nuuf ibsniiru. Bakka bu’aan KFO godina wallaggaa Bahaa obbo Fiqaaduu Ayyaanaa akka dubbatanitti ajjeechaan kun hamma nu irraa dhaabatutti waajjiraaleen mootummaa akka hin banamne dhaamsa dabarsinee jirra jedhan.

Komee uummati dhiyeeffatu kanaa fi hiriira har’a magaalaa Naqamtee keessatti geggeeffame irratti deebii gama mootummaa kan nuu kennan itti gaafatamaa bulchiinsaa fi nageenya Wallaggaa Bahaa obbo Taakkelee Tolosaa argannee jirra. Komeen uummataa kun dhugaa dha. Farreen nageenyaa uummatichi mootummaa waliin ta’uun saaxiluu qaba jedhanii, nageenyi bakkatti akka deebi’uuf irratti hojjetamaa jira jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:59 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG