Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seera Haasawa Jibbiinsa Dhabsisuuf Itoophiyaan Baasuuf Jetu Laalchise Yaada Hiyuumaan Raayits Waach


Gareen mirga dhala-namaaf falmu – Hiyuumaan Raayits Waach, haasawa jibbinsaa dhaabsisuuf akka seera haarawa baasuuf jirtu kan Itiyoophiyaan dubbatte ilaalchisee akka biyyattiin yeroo seericha baastu mirga yaada ibsachuu ugguruu irraa of eeggattu akeekkachiisee jira.

Wal-muddinsii fi ajjeechaan sab-lammummaatti xiyyeeffate eega biyyattiitti dabalaa deemee booda, waajirri abbaa-alangaa muummichaa Itiyoophiyaa, haasawa jibbinsaa dabalaa deemee fi fayyadama miidiyaa hawaasummaa itti-gaafatamummaan itti hin dhagahamne ka dhabsisu – seera haarawa akka wixinaa jiru baatii dabre keessa dubbatee ture.

Jaarmayichi mirga dhala-namaa ka sadarkaa Addunyaa – Hiyuumaan Raayitis Waatch immoo, gurmuu ogeessotaa, kanneen faayida-qabeessummaa seera kanaa mormanitti dabalamuudhaan, “seerri haasawa jibbinsaa dhaabsisuuf bahu, walabummaa yaada ibsachuu waan ugguruuf jecha, of eeggannaan baasuu fi hojii irra oolchuun barbaachisaa tahuu akeekkachiise.

XS
SM
MD
LG