Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mooyyaletti hardhallee nama 15 fixan, Nageellee Booranaatii haga Taltalleetti ummatii bahee akka mootummaan nagaa eeguuf iyyateef


Booranaa fi godina Gujiitti ummatii hiriira bahee akka mootummaan nagaa eeguuf iyyachuutti jira
Booranaa fi godina Gujiitti ummatii hiriira bahee akka mootummaan nagaa eeguuf iyyachuutti jira

Booranii fulaa hedduutti hiriira moriitii bahee akka mootummaan Mooyyale irraa waraaba dhaabsisu gaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:09 0:00

Lolii waraana naannoo shaniitti waraana al-shabaab dabalatee Mooyyaleen hadhe jedhan torbaan tokkotti deemuutti jira.

Mooyyalee

  • Akka bulchiinsii jedhutti nama kuma 200 caalaatti keessa qubatata
  • Torbaan kana waraanuma keessa ooltee bulte
  • Hardhallee poolsii Oromiyaa fixan
  • Warra nama fixe jedhan keessaa hagii tokko waraana mootummaati
  • Ji'a dabre guyyaa torba waluma gula hadhan
  • Mooyyale balbala Itoophiyaan biyya alaattiin baatu
  • Guyyaa shanii asi elektirii hin qabdu
  • Hosspitaala tokkochii isiin qabdulleen waraanaaf jedhanii keessaa bahan

Waraana mootummaa hedduu achi keessa jira. Tanuma irraa waraanii nannoo shanii fi al-qaayidaa jedhan biyyatti duulee hardha qofa nama 15 caalu jedhan ijjeese

Hardhallee Mooyyale lafa waraanaati.nama 15 tahu keesatti fixan. Kana keessaa afur poolisii Oromiyaati jedha bakka bu’aan Paartii Kongiressii Federaalistii Oromoo Mooyalee.

Lolli amma Mooyyaleetti deemaa jiru cimaa waan ta’eef warra harra ajjeefame mara lakkoofsa isanii sirrii baruunillee rakkisaa ta’uu dubbatu. Obbo Abduuba Waaqoo Dogoo bakka bu’aa Paartii Konngiresii Federaalistii Oromoo ka Aanaa Mooyyaleeti.

Warra harra du’e keessaa tokko obbo Waaqoo Halakeeti. Obbo Waaqoon bulchaa Mooyyalee ganda 02 ti.”Motoorii irratti ijjeesan.”

Jiraattonni magaalaa Mooyyalee yaada isaanii VOA’f kennani hidhattoonni kuni bakka hedduutti namarratti dhukaasaa waan jiraniif lola harraa kana keessatti nama lubbuun dabarte adda baafachuun rakkisaadha jedhu.

Raayyaan ittisa biyyaa magaalattii keessa buufatee jirus ammas komataati jiru jirattonni Mooyyalee. Hidhattoota Naannoo Soomaleeytii as cehanii balaa geessisaa jiran namni to’atus hin jiruu jedhu.

Haleellaa harraa Kanaan manneetiin jireenyaa, akkasumas ka daldalaa keessumaa Hoteelotni fi Dukkaaleen kaan gubachuu, hedduunis ka saamaman yoo ta’an.

Hospitaalli yaala fayyaa jiraattota aanattiif kennu hospitaalli Mooyyalees sababa rakkoo nageenyaa tajaajila guutuu kennaa akka hin jirrellee dabalanii himani.

Hiriira mormii godina Booranaa fi Gujii Bahaa

Booranii akka mootummaan nagaa eeguuf itti iyyachumatti jira
Booranii akka mootummaan nagaa eeguuf itti iyyachumatti jira

Aabba Abbiduuba Konsoo,itti gaafatamaa nagaa godina Booranaati. Akka innii jedhetti waraanii kun nama hedduu fixee Mooyyalee keessaa du’aa fi jiraa gargar hin beekan.

Waraanii naannoo shanii akka jecha aabba Abbiduubatti waraana al-shabaab ka Dooloo,naannoo Somaaleetii fa’atee dhufe tahuun isaa duraanuu dhagahanii mootummaalleetti himan.

Waraanii kun karuma gugurdaa Mooyyalee keessatti nama hadhuutti qawwee gugurdoo fi lola magaalaa ka beekuun nama hadhuutti jiraa jedha Abbiduubii.

Rakkoo tana himachuuf Yaaballo,Dilloo,Taltallee,Nageellee Booranaa,dhiyoo ammoo Hiddii-Lolaa fi fulaa hedduutti hiriira bahee akka mootummaan nagaa biyyaa eegu gaafate.

Booranii akka mootummaan ummata Mooyyaletti fixuutti jiraniif dirmtau hiriira itti bahe
Booranii akka mootummaan ummata Mooyyaletti fixuutti jiraniif dirmtau hiriira itti bahe

Falii jiru akka itti gaafatamaan nagaa godina Booranaa, Abbiduuba Konsoo jedhetti karaa Mooyyalee kahee haga Jijjigaa,Moqaadishoo deemu ka al-shabaab dhiisi wannii feetelleen keessa dhufuu dandeettu waraana itti ergani eegu.

Booranii akka mootummaan nagaa eeguuf itti iyyachumatti jira
Booranii akka mootummaan nagaa eeguuf itti iyyachumatti jira

Tanaafuu akkuma mootummaa durii “Cillaanqoo,qadaddumaa fi Laheehii waraana mootummaatiin eegan malee falii hin jiru.”

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG