Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanii mootummaa Itoophiyaa kaleessas nama torba Mooyyaletti ajjeese


kun hiriira mormii lola Mooyyalee falmuuf Dubuliqitti bahan

Waraanii mootummaa Itoophiyaa kaleessallee nama 7 Mooyyaletti fixe
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:39 0:00

Kaleessa humnootni Raayyaa Ittisa biyyaa Mooyyalee keessatti namoota torba ajjeesuu Godinni Booranaa beeksise.

Obbo Dheengee Booruu bulchaan Godina Booranaa VOA’f, miseensonni raayya ittisa biyya kun sababa quubsaa hin taaneef lubbuu lammilee baasanii jechuun himanii jiru.

Dhimma kana qorachuufis gareen godina booranaarraa ergame tokko ajajdoota humna waraanaa duuka qorannoorra jira jedhan.

Harra Mooyyaleen keessatti lolli hin gaggeeffamin akka oolee fi raayyaan ittisa biyyaas hidhaattoota balaa geessisan akeekkachiisaa akka jiru jiraattonni himanii jirani.

Kaleessa galgala waaree boodadha miseensonni raayya ittisa biyyaa Mooyyaleen jiran dhukaasa bananii lubbuu namoota torbaa ka baasan. Jiraataan magaalaa Mooyyale tokko waan ajjeechaa kanaa akkas jechuun ibsan.

Jiraataan kaan nuti dubbisne ammoo namootni kun era ajjeefamaniillee reeffa isaanii bakka kanaa kaasuun rakkoo akka ture dubbatan.

Namootni ajjeefaman kun harra awwaalamanii jiru. Jiraattonni Mooyyalee yeroo gara garaa, amantaa raayya ittisa biyyaa magaalattii keessa qubatee jirurraa hin qabnuu jechuun dubbatu.

Kanaafis dhiyeenya kana miseensonni raayyaa ittisa biyyaa lammileerraan yoo sadii ajjeechaa raawwachuu isaanii himu.

Harra garuu Mooyyaleen keessatti lolli akka guyyoota saglan darbanii mitii jedhu jiraattonni.Raayyaan Ittisa biyyaa daandii gurguddoo magaalaa keessa jiru to’atanii labsii dabarsaa akka jiranis dubbatu.

Dabalatas jiraattonni qe’eetti akka deebi’anii mana isaaniitti galuun hojii idilee akka jalqaban, manneetiin daldalaa fi manneetiin hojii ka Mootummaas akka banamaniif raayyaan ittisa biyyaa labsii himaa jiruu jedhu.

Warri mooyyale, nageenyi naannootti akka dhufuuf mootummaan gaaffii keenyaaf deebii yeroon kennuu qabaa jedhu.

Waan ajjeechaa Mooyyaletti ta’e, rakkoo nageenyaa amma deemaa jiru, Bulchiinsa Godina Booranaa gaafannee jirra.

Obbo Dheengee Booruu bulchaan godinichaa ajjeechaan kaleessa jiraattotarratti raawachuu nuuf mirkaneessanii jirani. Miseensonni raayyaa ittisa biyyaa kun sababa maaf akka ajjeechaa kana raawwatan gaafatamaniiruu jedhee gaaffeera.

Obbo Dheengee Waa’ee miseensota raayyaa ittisa biyyaa dhiyeenya Mooyyaleetti ajjeechaa raawwatanii gaaffee marti isaanii murteef akka hin dhiyaannedha kan dubbatan.

Rakkoon nageenyaa naannoo kana jiru akka dhaabbatuufis mootummaan gaggeessitoota fi miseensota raayyaa ittisa biyyaa hawaasa miidhuu fedhan naannoorraa kaasuu qaballee jechuun dablanii himani.

Naannoo Mooyyalee akkasumas kallattiiwwan daangaa naannolee Oromiyaa fi Somaalee bakka rakkoon jiru tasgabbeessuuf kareewwan naannoo lamaanirraa walitti dhufan dhiyeenya yaada tokkorratti walii galanii turani.

Obbo Abdii Adil Hasan hoogganaan Waajjira dhimma nageenyaa naannoo Somalee wanni kun dhiyeenyatti hojiirra oola jedhan.Akkas jedhu obbo Abdiin, waan gaggeessitoonni naannolee lameenii walii galan torbee kana hojiirra ni oola jennee abdanna.

Wanni walii galan kunis kallattii lamaaniinuu warra hidhaterraa meeshaa hiikuu, humni hidhatee jiru kamuu magaalattiirraa kiiloo meetira 25 fagaatee akka bahu gochuu, gidduuttis bakka raayyaan ittisa biyyaa fi poolisiin federaalaa keessa deemanii seera kabachiisan uumuu kan dabalatuudha, kunis torbee kana hojiitti akka hiikamu abdii qabna jedhu.

Bulchaan Godina Booranaa Obbo Dhengee Booruus naannoleen lamaan nagaa buusuuf mareerra akka jiran himanii fuulduraaf nageenyi amansiisaan akka bu’uuf mootummaan federaalaa gaaffii uummatni naannoo qabu deebisuu akka qabu akeekkachiisan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG