Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yuniversitiin Finfinnee nama dansooma Gadaa Oromoo kitaabatti barreessuun saadan porofeeser Asmeroom Leggesee, ulfinnaan badhaafte


Professor Asmerom Legesse

Kitaabii Porofeeser Asmeroom 'Democratic Institure of Borana Gada System' dhiyootti baha
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:13 0:00

Porofeeser Asmeroom jaarsa gadaa abbaa hedduu keessa jiru.Dhalootaan nama Eertiraati.Amerikaa yuniverstii Harvaardii eebbifame.

Akkuma PhD ufiitiin eebifameen Gadaa Booranaa barreessuuf Booranatti dabre.Ganna 10 achi jiraatee oolmaa fi bultii biyyaa barachaa bahe.

Porofeeser Asmeroom Leggesee digrii ulfinnaa badhaasan
Porofeeser Asmeroom Leggesee digrii ulfinnaa badhaasan

Bara Adii Dooyyoo Abbaa Gadaa Booranaa tahellee hin beeka.

Gaafa Hayilee Sillaaseen miilota isaa warra gagabbaa waliin dhufee jennaan Booranii wa himate.Warrii gagabbaan kun nu nyaatee gaggabatee beeki jedhe jedhan.

Porofeeser Asmeroom ganna 10 Boorana jiraate kitbaa isaa ka qaraa bara 1973 barreesse
Porofeeser Asmeroom ganna 10 Boorana jiraate kitbaa isaa ka qaraa bara 1973 barreesse

Kitgaabii isaa

Gadaa: three approaches to the study of African society (1973)(Gadaa Booranaa)

Oromo Democracy: An Indigenous African Political System (2001)(Gadaa Oromoo bal'oo)

Kitaabii sadeessoon bahuutti jiru ammoo Democratic Institue of Borana Gada System ji’aa fi wayiin duubatti baha.

Barii innii kitaaba isaa ka qaraa barreesse ,1973, bara namii Oromummaa dhiisii afaan ufii guutateetuu waan ufii akka aadoo hin dubbanne,bara siyaasaan bara sunii maqaa ufiituu nama jijjiirachiise.

Gadaan Oromoo jabeennaa fi qabeenna Oromooti,”Dikiraasii Afrikaatti dhalatte" edhe porofeeser Asmeroom.Ganna 45 duratti Gadaa Oromoo qorachuuf ta Booranaatiin jalqabe.

kitaabii isaa sadeessoon dhiyootti baha
kitaabii isaa sadeessoon dhiyootti baha

Dhaabii Tokkummaa Mootummootaa damee aadaa fi barnootaa UNESCO tanuma laalee bara 2016 Gadaa Oromoo ufi jalatti galmeesse.

Porofeeser Asmeroom tana keessa qooda guddaa qaba.Yuniverstiin Finfinneelleenb tattanuma laale porofeer Asmeroom doktorummaa ulfinnaa kenneef. Badhaasa kana pirezidaantii Oromiyaa,Lammaa Magarsaatti kenneef.

“Tun milkii guddoo dadhabbiin ganna hedduu ulfinna itti argatte,” jedhe porofeeser Asmeroom.

Mataa dureen kitaaba isaa ka qaraa Gada.

Porofeeser bara namii waan Oromoo dansaa hedduu hin barreessine keessa bahe
Porofeeser bara namii waan Oromoo dansaa hedduu hin barreessine keessa bahe

Porofeesere Asmeroon nama Eertirati. Eegii bara 1995 Itoophiyaa dhufee asitti gaafa tokko akka jaarsa araaraa Itoophiyaatti yaamanii dhufee eegii sunii gadaa fi warra gadaan bulullee laaluu hin dandeenne. Siyaasaa bara suniitti dhowwe.

Ammallee kitaaba sadeessoo barreessuutit jira.Ji’a tokkoo fi wayiin duubatti baha.

“Gadaa barreessee,maanummaa isii qoradhee, tola isii hubadhee asii achi yunivertii Finfinneetii fi ta Oromiyaa cufa irra deemee dansooma gadaa dubbadhaa achii kitaaba 1,000 biiroo aaada afi tuurizzimii Oromiyaatii kennaa jarilleen hin qooda.” jedha.

Gaafa abbaan gadaa Booranaa 71essoon, Kuraa Jaarsoo baallii fuudhullee dhufuu fedhee hin taaneef bulchiins gaafasiitti nama dhowwaaf akkana jedhe.

Porofeeser Asmeroom kitaaba qaraa Gadaa Booranaa irratti barreesse.Waan jarii Gadaa yayyabee fi bulchiinsa Gadaa keessa jiru herrega mataa biyya sadiitiin qorate.

Tokko akka herrega qorannoo Amerikaa ta empirical ka lammeessoo ka Ingiliizi dynamic fi sadeessoon ammoo ka Faransaay cognitive jedhan.Sadeenuu qorannoo siyaasaa, falaasamaa,jireenna namaa fi waan hedduun ufi keessa qaba.

Kana cufa qoratee bara 1973 kitaaba isaa ka qaraa baase.Kitaaba kana bara 2000 irra deebihahanii baasanii achii ammoo bara 2006 keessa baasan.

Kitaabii sadeessoolleen ka Gadaa Booranaati.Democratic Institute of Borana Gada system.Kitaaba kana keessa Istituutii dimokiraaititti Gadaa Booranaa jedha.“Waan haga ammaa namii dhibiin barreessellee haaressee bahe.Kun ka ani hujii tiyyaan fixadhau.Qorannoon Gadaatiin hobbaafadhe,”jedhe.

“Kitaaba haaraa kana keessa boqonnaa qooda Gadaan bulchiinsa demokiraasii Oromoo keessaa qabaachuu dandeettu lafa kaahe. Hujii dhumattee lafa jirtuu Gadaan biyya bulchuuf kitaabii kun qophaahee lafa jira ‘Plan of action’” jedha.

Kitaabi kun Oromoo qofaa mtii waan addunyaayyuu gahaati.

“Abbootii siyaaaa,dhaabbilee addunyaa, waldaa parlaamaa jaallan Oromoo addunyaa jiranii cufaa akka isaan kitaaba kana qabaatan tolchina.”

Akka porofeeser Asmeroom jedhetti “Oromoon waan jabduu harkaa qabdii, waan jabduu qabdu tana addunyaa agarsiifachuu malte,naannoo ufi keessalleetit hojjachuunii male.”

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG