Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lolii daarii Oromiyaa fi Somaalee maaf hin dhaabanne? Akka Jawaar Mohaammadiitti lola Mooyalee ka dhiyoo silaa dhaabuu hinuma dandahanillee


Akka warrii lafaa jedhutti waraana naannoo shanii fi ka al-shaaab ganna kana qofa marroo hedduu Mooyyale hadhe
Akka warrii lafaa jedhutti waraana naannoo shanii fi ka al-shaaab ganna kana qofa marroo hedduu Mooyyale hadhe

Lolii daarii Oromiyaatii fi naannoo Somaalee maaf hin dhaabanne,Xiinxaltootii maan jedhan?
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:23 0:00

Lola kanaan nama kuma hedduutti baqata hedduutti lubbuu dahba. Mooyyalee haga Cinaaksen waluma fakkaatti. Akka warrii lafaa jedhutti waraanuma hidhatee makiinaa wal fa’ee yaahutti daari Oromiyaa duudee nama fixa.

Mooyyale Sadaasaa fi Muddee qofa marroo hedduu hadhan. Warra nama fixeen himatan keessaa hagii tokko waraana mootummaa Federaalaa ka biyyaa eegaa dhufe fa.

Warrii lafaa jaarolee fi bulchootii guurratee rakkoo tana mootummaa isaan bulchutti himachuuf karuma Finfinnee mara taatullee akka jarii fedhutti loli hin dhaabanne.

Ijoolleen dhiyoo tana Yaaballotti hiriirate akkana jette:

  • Motummaan Itoophiyaa…yo jiraate
  • Mootummaan Oromiyaa…yo jiraate dhiigii jiguu ha dhaabatuu

Akka bulchaan aanaa Mooyyalee,Baggajjaa Morgee jedhetti waraanii dhiyoo guyyaa sagal Mooyyale hadhe nama hedduu fixee hospitaala gubee,biirolee mootummaa,manneen abbaa qabanii fi waan hedduu balleesse.

Waraana kana keessaa liyuu hayilii somaalee qofaa mitii al-shabaab jiraacuun bulchaan aanaa Mooyyalee waan hedduun mirkansa.

  • Warqata ragaa nama isaanii ka du’ii keessaa guuran
  • Nama isaanii ka waraana keessatti qabanii fi waan hedduun beekan.
  • Qawwee fi qalayii jarii namaan hadhu hedduun akka jarii biyya ollaatii fa'atee dhufe waan hedduun beekan jedha

Waraanii kun maaf hin dhaabanne?

Akka bulchaan aanaa jedhutti warra tanaan jiraatutti jira.

  • Warra tanaan horetti jir
  • Warra Oromoo akka kanaan lafa irraa oofuu fedhutti jira
  • Mootummaa duriitti keessa jiraa jedha

Dr. Awol Aloo

Dr. Awol porofeesera yuniversitii UK jiru,Kiilitti porofeesera.Akka Dr.Awol jedhutti mootummaan lola daangaa Oromiyaa kana humnaan dhaabuutti hin jiru

"Humna fayyadamuu irratti rakkootti mullata humnaanis tahee qabbaneessuu irratti. Humna dhabe moo illaacha biraatti dhabe?” jedhee gaafata.

Itti gaafatamii guddaan nagaa naannoo Oromiyaa akka Dr.Awol jedhutti harka mootummaa Oromiyaa jiraa yoo dadhabe mootummaa Federaalaatti iyyachuu male.Taatullee adoo namii du’uu callisuu hin qabu.

"Tasbaggiin jiraachuu baannaan waan babbardeeroo ummati jaalatu kun, jijjiiramii ummatii fedhu kun fagoo hin deemu.”

Jawaar Mohaammad

Akka daarekterii Omn,Jawaar Mohaammad jedhetti rakkoon danngaa Oromiyaa xiyyyeeffannaa argachuu malte.

Jarii biyya nagaa dhowwulleen akka Jawaar jedhutti gamuma gamaan ibidda qabsiisee mootummaa ammaa kana miila lafaa fuudhuu fedha.

Mootummaan rakkoo daangaa tana dhaabuuf karoora jabaa lafa keeyyachuu male jedha.

“Adoo waldhabii jala hin qamnee dhaabuu hinuma dandahan gama kanaan laafinnaa mootummaa hin jira.”

Gaafa jaarorlee biyyaatii fi bulchootii naannoo waan Mooyyaletti deemuutti jira himachuuf Finfinnee dhufan silaa caqasnii lola Mooyyalee ka dhiyoo dhaabuu hinuma dandahan jedha.

"Warra waraana keessa jiru ka shira xaxu achii kaasuu irratti lafa irra harkifachuutti jira. Rakkoo Mooyyalee sun dhaabuu hin dandahan ture.”

Akka jecha Jawaaritti Miidiyaan mootummaa guddisee rakkoo hin dubbatu “mootummaan waan lafaaf waan itti fakkaatuuf rakkoo dhagahuu hin fedhu jedhee,” jedha Jawaar.

Lolii daangaa kun dhaabachuu baannaan daangaa bira dabree mootummaatti dabraa jedha Jawaar.

Lola akkanaa kana waraanaa fi poolisiin dhaamsuu male.Lola daangaa dhaabuuf walii galtee siyaasaa jabaa, daandii cehumsaa qajeelaa agarsiisuu fi warra jijjiirama fidee fi ka jijjiirama barbaadu jabaatee waliin deemuu qaba jedha, Jawaar.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG