Xurree ittiin seenan

Breaking News

Floyd Mayweather kunoo ammallee namicha Jappaan marshal artiin addunyaatti gurra baafate,Tenshiin Nasukawa dhahee cinaacha lafaan gahe


Floyd Mayweather fi Tenshin Nasukawa - Saitama Super Arena, Tokyo, Japan - Muddee 31, 2018 Floyiditti gurbaa Jappaan ka dorgommi martial art fi kickboxing beekan,Tenshin Nasukawa akkana qaarise
Floyd Mayweather fi Tenshin Nasukawa - Saitama Super Arena, Tokyo, Japan - Muddee 31, 2018 Floyiditti gurbaa Jappaan ka dorgommi martial art fi kickboxing beekan,Tenshin Nasukawa akkana qaarise

Floyd May weather dhalootaan nama nama Amerikaati.Amma ganna nama ganna 41. Haga ammaatti dorgommii boksii irratti nama isa moo'uu hin agarre. Marroo 50 dorgomee 50nuu isatti moo'e.

Tana keessaa marroo 27 nama waliin dorgome dhahee gaggabse tanumaan duroomee ciccite.

Nama isa moo’u dhabee jennaan bara 2017 dorgommii ufi irraa dhiisee yuubome.

Adoo innii tanuma keessa jiruu ji’a lamaan duratti gurbaan Jappaanitti dorogommii boksii kickboxing fi ta marshal art jedhaniin beekan, ka ganna 21 Tenshin Nasukawa jalaqaba jalqbultii bara 2019 Mayweather-n wal dorgomuuf yaammate.

Tenshiniin Mayweather wal dorgomuuf yaammate kun nama dorgommii addunyaa gugurdoo marroo 28 dorgomee 28nu isatti moo'e.Tana keessaa marroo 22 abbaa wal dorgomeen dhahee gaggabse (knockout)n moo'e.

Isaa fi Mayweather Jappan, Tookiyootti walti baafatan.Bitaachaan sossobaa mirgichaan qaarise.Daqiiqaa 2:30 irratti marroo sadii dhahee lafa buuse achii leenjisaan gurbaa kanaa akka tapha dhaaban ariifatee gaafate.

Daqiiqaa 2:30n sun keessatti doolara miliyoona 9 badhaasan.Gurbaan Japaan kaan tittimaa lafaa ka’ee imimmaan currise. Mayweather gurbaa dhaanee gaggabsee jennaan “guddoo si galateeffadhaa anumaa fi sitti shaampiyoonaa” jedheen.

Itti aansee ammoo " qarallee nama Jappaan gammachiisuuf itti deebi’e malee ani qaata tapha dhiise amma ammoo ufi irraa taahee jiraadhaa jedhe,” jedhe Mayweather.

Jarii lachuu akka Mayweather jedhetti gammachuuf wal dorgome “ani asii achi hin dogomuu kunoo dorgommii dhiisee yuubomatti deebi’a.Ammallee ani 50-0,” jedhee dorgommii haga dorgomee fi akka takkuma hin moohamin dubbate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG