Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ugaandaan Liqiin Na Irra Jiru Heddummaatus Rakkoof Na Hin Saaxilu Jette


Ministeerri maallaqaa kan Uganda Matiyaa Kasaayijaa liqaan biyyattii guddataa dhufe to’annaan ala miti biyyattiinis balaa qabeenyaa ishee Chaainyaa dhaan duraa fudhatamuu irra hin geenye jechuun torban kana dubbataniiru.

Itti gaafatamaan dhimma maallaqaa Ugaandaa baatii kana gabaasa baasaniin baatii waxabajjii bara 2017-2018tti kan jiru liqiin mootummaa, doolaara biliyoona 9.1 gara biliyoona 11.1-tti ol guddateera jechuun akeekkachiisan.

Gabaasi Chaayinaa utuu maqaa hin dha’in ba’e kun, dhimmi liqaa guddaa kun qabeenyaa Ugaandaa balaa irra buusa jechuun akeekkachisieera.

Akka gabaasa kanaatti liqaan hangi tokko biyyattiin yoo liqaa jiru baasuu dadhabde qabeenyaa ishee dabarsitee kenniti jedha, Kasaayijaan garuu ni haalan.

Kasayijaan Chinaan qabeenyaa to’attii? Ani hin beeku. Akkasittin dhaga’e. garuu Ugaandaa keessatti akkuman dubbadhe, nuti namoonni hangi tokko itti gaafatama irra hamma jirrutti, balaa hamaan tokko yoo uumame irraan kan hafe, dinagdee kana boodatti kan hambisu, isa immoo argaa hin jiru. Kanaaf Chaayinaan qabeenyaa keenya to’atti jedhee hin yaadda’u. Bakka biraatti gochuu malu, ani hin beeku, garuu asitti kun hin ta’a jedhee hin yaadu jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:23 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG