Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanii Muddee 2018 Mooyyale hadhe manneenii fi dhaabbilee 2,000 caalaa gube mootummaalleen rakkoo akkanaa dhaabuuf bulchoota marii yaame


Haleellaa waraani naannoo 5 fi al-habaab Mooyyale lolaniin nama kuma hedduutti baqate

Waraanii Muddee dabarte godina Boorana aanaa Mooyyale hadhe manneen 2,000 caalaa gube jedha bulchiinsii
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:38 0:00

Akka warrii lafaa jedhutti waraanii milishootii naannoo Somaalee fi miilotii isaanii Muddee dabrte godina Booranaa dira Mooyyalee guyyaa sagal hadhe waan hedduu balleesse.

Mootummaan Federalaa Itoophiyaa bulchiinsa godina Booranaa aanaa rakkoo akkanaatiin himan Mooyalee,Areeroo,Waacillee,Nageellee Booranaa,Guchii fi Godin aGujii keessaa fi naannoo Somaaleellee keessallee bulchoota naannoo yaamee Finfinneetti mari’achiisee akka rakkoon akkanaa itti hin deebinee biyya waliin kora taa’e.

Warra marii tanaaf Finfinnee dhaqe keessaa tokko bulchaa anaa Mooyyalee,aabba Baggajjaa Morgeeti.

Mootummaa Federalaatti ‘nagaa buusaa’ jedhee kora yaamee mari’achiise jedha.

Namuu nagaa irratti walii galee taatullee 'wannii namii irratti wal dhabe ariitiin fala argachu malte jenne' jedha.

“Waraanii diqqaallee hin qabuu dandaallee hin qabu,” jedha

Sadaasaa bara 2018 Mooyale lola torbaan tokkoo keessa ture Muddee ammoo guyyaa sagal akka kanaan akka aabba Baggajjaan jedhetti qabeennii biyyitii bara hedduu jaarratte hedduutit bade.

Olloota Oromoo gabraa fi olloota waraanii kun gube jedhan keessaa:

  • Qabbahnaawaa
  • Maddoo Miigoo
  • Gooroo Sooddaa
  • Gooroo Buttee

Mooyyaluma keessaa ganda 01 fi 2 faallee guddoo gubanii amma nama hedduutti baqatee ala ciisaa jedha aabba Baggajjaan.

Walumattuu waraanii Muddee dabartee kun suuqii,hoteelii manneen jireennaa fi qabeenna akka aabba Baggajjaan jedhetti 2,153 gubee kaan ammoo saaman.

  • Qabeenna mootummaa ka akka biirolee baranootaa, biiroo bisaanii, fayyaa fi waan akkanaa dabalee 9
  • Baankii Gamtaa Oormiyaa ka birrii miliyoona 32 caalaa keessaa saaman jedhanii fi hedduu.
  • Hoteelii 53
  • Mana jireennaa 1,500
  • Suuqii fi manneen daldalaa 300

Manneen saaman ykn guban kun akka aabba Baggajjaan jedhetti manneen qorqoorroo,buuyyoo,qiriccoo fi waan hedduu namii jiraatuun.

Mariin araaraa bulchiinsii godina Booranaatii fi ka naannoo Somaalee Finfinneetti taa’an muddamsuu jirtu qabbaneessanii nagaa buusuu. Waan kora irratti walii galan aanaa fi gandatti ittiin hojjachuu.

Lolii akkana Mooyale balleesse sun eegii dhaaatee ya ture amma waraani mootummaa Itoophiyaatti alfa eeguutti jira.

Nama baqatellee ummaaa fi dhaabbilee namii hedduun itti wal gargaaree jireenna isaa faluufiitti jiraa namilleen diqqaattullee amma qaheetti galuutti jira jedha bulchaan aanaa Mooyyalee aabba Baggajjaa Morgee.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG