Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addi Bilisummaa Oromoo Gujii irraa hajajaa waraanaa Eeliyaas Gambeellaa nama jedhamu hin qabu jedha


OLF LOGO
OLF LOGO

ABOn hajajaa waraanaa Eeliyaas Gambeellaa nama jedhamu Gujii irraa hin qabu jedha
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:07 0:00

Akka Miseensi Gumii Shanee ABO, Obbo Mikaa’el Booran Eeliyaa Gaambeellaa dhiyeenya kana waraana dhaabee harka kennate jedhameef deebii kennan.

Eliyaas Gambeelaa ka jedhamu, hoogganaan WBO Kibba, godinaa Gujii waamicha nagaa Abboota Gadaan labsame fudhatee jira, jedhamuun oduu maddeen adda addaa irraa miidiyaa hawaasummaa irratti tamsaasaman ilaalchisuun deebii kennaniin kana jedhan, Obbo Milkaa’el Booran.

Gama birootiin jiraattonni Godinaalee Gujii erga labsiin nageenyaa kun darbee nageenyi naannoo fooyya’eeraa jedhu.

Abbaa Gadaa Jiloo Mandh’ootiin ka labsame torbeen nageenyaa, marsaa lammaffaarra jira. Kanaanis Jiloo Mandhoo yoo torbeen dura yayyaban, nageenyi naannoo waan boora’ee jiruuf humni hidhate kamuu dhukaasa akka dhaabu, namuus akka dhuunfaatti nagaan haabu’uuf waaqa akka kadhatuuf gaafatanii turani.

Dabalatas Jiloo Mandh’oo qaamni falmii siyaasaa gaggeessu kamuu karaa nagaan yaa gaggeessullee murtee jedhu dabarsaniiru. Kanumaan wal qabatees jilli Abbootii Gadaa hidhattoota Godinaalee Gujii Lixaa fi Bahaa keessa jiran waliin marii gaggeessaa tureera.

Kibxata kaleessaatis, Ajajaan Waraana Adda Bilisummaa Oromoo naannoo Gujii ti ka jedhame Eeliyaas Gambeelaa waamicha Kanaan falmii siyaasaa gama nagaan gaggeessuutti dhufee odeeffannoon jedhu dhagaa’amee jira. Obbo Mikaa’el Booran Miseensi Gumii Shanee ABO waa’ee odeeffannoo kanaa gaafatamanii turan.

Loltoonni ABO, naannoo Gujii jiran gama isaaniitiin Abbootiin Gadaa maree nageenyaaf gama isaanii dhufuu VOA’f dubbatanii jiru. Obbo Waaqumsaa Guutuu Itti Aanaa Hooggana Waraana Bilisummaa Oromoo ka naannawa Gujii akka ta’an nuuf himanii waan marii gaggeeffamee akkas jedhan.

Obbo Waaqumsaan Abbootiin Gadaa maree kana gaggeessan angawoota olaanoo ABOSs dhimmuma walfakkaaturratti waliin mariyachuuf saganteeffatanii akka jiranis nuuf himaniiruu jedhan.

Waan marii Abbootii Gadaa fi miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo jidduutti gaggeeffamee Miseensa Gumii Shanee ABO Obbo Mikaa’el Booran gaaffee, dhaabni ABO yayyaba nageenyaa Abbaa Gadaatiin darbe ija gaariin ilaalaa jedhanii, waa’ee maree loltoota ABO fi Abbootii Gadaa gidduutti gaggeeffame waan quba qabnu hin jiruu jedhan.

Jiraattonni Godinaalee Gujii erga torbeen nageenyaa kun labsamee naannochatti nagaan bu’uusaa dubbatu

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG