Biyyonni hedduun hogganaa ce’umsaa kan Venezu’eelaaf deggersa qaban dabalaa yeroo jiru kanatti Paartiin mormituu biyyatti prezidaantii falmisisoo ta’an Nikolaas Maduro qophaatti hambisuuf dhibaa jira.
Prezidaantii gumii biyyooleessaa Venezu’eelaa kan ta’an Guaidoon hiriira guddaa ba’ame irratti anatu prezidaantii yeroo ce’umsaa ti jechuun labsan.
Rakkoon biyyatti keessaa Robii kaleessaa kan hammaate yoo ta’u kunis prezidaant Maduroon hidhata Diploomaasii Yunaaytid Isteets waliin qaban kutuu isaanii eega labsanii booda.
Kunis Traamp Guaidoon prezidaantii ce’umsaa kan Venezu’eelaati jechuun ifatti beekkannoo eega kennaniifi booda.
Maduroon diplomaatoota Embaasii Amerikaa keessa hojjatan martii sa’atii 72 keessatti Venezu’eelaa keessaa akka ba’aniif ajaja kennee jira.