WASHINGTON,DC —
Amerikaa haga Kanaadaa waluma fakkaatti nama miliyoona hedduu dhaamochii qaaxileesse.Miliyoona hedduutti dhaamochaan korophatee foxoorrachaa yaa’a.
Dhaamocha akkanaa takkuma Amerikaa keessatti arganii hin beekan.Alaaskaa fi Hawaa’ii malee godina Amerikaa cufaa dhaamochuma hamaa akkanaa itti himanii nama miliyoona hedduu nafa xaxatee yaa’a.
Amerikaa harka 85 qilleensii negatiivii gadi jira.Wiskaanson,aanaa Grand Chute bisaan oowwuun yoo lafatti naqan adoo lafa hin geennee cabbii tahan.
Taatullee akka raagii qilleensa Amerikaa jedhetti dhaamochii ammoo dhiyoottu oowwee lafati nagaa taati.