Xurree ittiin seenan

Breaking News

WBOn Deemsa Araaraa Simanne, Garuu Waraansi Amma Nu Irratti Deemu Dhaabachuu Qaba Jedha


ABO
ABO

WBOn Deemsa Araaraa Simanne, Garuu Waraansi Amma Nu Irratti Deemu Dhaabachuu Qaba Jedha
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:10 0:00

Murtii ABOn ‘Dhimma WBO Abbootii Gadaa fi Ummata Oromoof Kenne’ jechuun Gumii araaraa dhiheenya Tokkummaa Abboota Gadaan qophaa’e irratti beeksise.

Itti-aanaa hoogganaan Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Obbo Gammachuu Abooyyee ka qabsaa’aniif uummata Oromootiif waan taheef tarkaanfii sirrii akka tahee fi gaafatama guddaa akka Abboota Gadaa fi Uummata Oromootti kenne dubbatan.

Garuu, akka araarri milkaa’u taasisuuf, “mootummaan lola yeroo ammaa WBO irratti banamee jiru, akkasumas, hidhaa fi hiraarsa miseensotaa fi deggersoota ABO irratti geggeessamaa jiru dhaabuu qaba” jedhan.

Torban tokko dura gaafa Amajjii 22 bara 2019 ture gumiin Abbootii Gadaa fi Haawwan Siiqqee waldhabbii ABO fi mootummaa furuuf araara taa’anii, gaggeessitoota gama lamaanii walitti fidanii mariisisuun ni yaadatama.

Kanaanis milkaa’anii qaamonni lameen lola dhaabuuf walii galanii jiran. Kora kana gubbaatti dhimmi Waraana Bilisummaa Ijoo guddaa ture. Gaafa walga’ii Giggugala Aadaa Oromootti geggeessame sana irratti hayyuu Dureen ABO obbo Daawud Ibsaa yeros ‘dhimma Waraana Bilisummaa Oromoo Abbootii Gadaa fi Ummata Oromoof dabarsineerra deebii jedhu kennanii turan.

Murtii kana miseensonni WBO akkamitti akka ilaalan itti-aanaa Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kiibbaa - Obbo Gammachuu Abooyyee gaafatamanii ennaa deebisan, “WBOn uummata Oromootiif qabaawa waan taheef, itti gaafatamni kun uummatichatti dabarsamuun waan gaarii dha. Gammachuun simanna.

Ammoo itti gaafatama jajjabduu dha,” jedhanii, “Garuu, rakkoolee qabnu himannee, mariidhaan furachuu dandeenya.

Marii kana taasisuu fi araaricha milkeessuuf, motummaan waraana nu irraa dhaabsisee bakkawwan qubannee jirru irraa fageessuu qaba” jecchuun gaafatan. Gabaasaa guutuu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG