Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daandiin Magaalaa Baabbilee Banameera


map of Ethiopia

Abbaan warraa Oromiyaa keessaatti manaa fi qe’e ofii irraa godaanan kanneen lakkobsii isaanii kuma 10 kan caalu mootummaan dhimmi keenyaaf ilaalcha kennuu didee jechuun kamiisa darbee kaasee daandii magaalaa Baabbilee cufanii turan Dilbata kaleessaa banamuu isaa gabaafamee jra.

Itti gaafatamtuun waajira dhimmootii komunikeshinii godina Harargee Bahaa Aaddee Bonsituu Ibraahim Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsanti dhimma namoota jireenya ofii irraa buqqa’an kanaa furmaata waariinsa qabu argauuf jecha qaamoota mootummaa, abbotii amantii fi abboota Gadaa waliin mari’ataa jirra jedhan.

Mariin kun har’as itti fufuu isaa kan ibsan Aaddee Bonsituun magaalaa Baabbilee irratti daandiin cufamee ture garu banamuu akka qabu dursanii walii galtee irra waan ga’ameef Kaleessaa qabee geejibaaf banaa ta’uun ibsamee jira.

Baatii sadii dura uummata Oromoo fi Somaalee gidduutti walitti bu’iinsa uumameen gama lameen irraa namoonni hedduun manaa fi qe’e ofii irraa godaanuun ni yaadatama.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG