Ministriin dhimmi alaa Itiyoophiyaa Jabuutii Kaaba gama dhiyaa naannoo Obok bakka Godooriyaa jedhamu keessatti karaa seeraan alaa gara Yemenitti ce’uu kanneen yaalan lammiiwwan Itiyoophiyaa lubbuun isaanii darbuu isaaf gadda itti dhaga’ame ibsuu isaa dubbi himaan ministrii dhimmootii alaa obbo Nebiyaat Geetaachoo Assaggid VOAf ibsaniiru.
Obbo Nebiyaat akka jedhanitti erga balaan sun dhaqqabee booda embsiin Itiyoophiyaa Jabuutiitti argamu garee hundeessuu dhaan gara lafa balaan sun itti dhaqqabetti sosso’ee hoogganoota sadarkaa ol aanaa fi hoogganoota IOM fi kan waldaa fannoo diimaa addunyaa waliin ta’uu dhaan namoota balaa sana irraa oolan dubbisaniiru jedhan. Balaa kana irraa kanneen hafanii fi lubbuun darbe meeqa akka ta’an ibsaniiru.
Akkan ragaa achii argadhetti jedhan obbo Nebiyaat lammiiwwan 16 lubbuun oolaniiru. Jarmayaa koolu galtootaa IOM waliin ta’uu dhaan namoota irraa hafan waliin ga’uudhaan namoonni irraa oolan namoonni lubbuun hafan hammana kan du’an hammana ragaan jedhu kan argame. Waluma gala lammiwwan Itiyoophiyaa 57 lubbuu dhabuu isaanii mirkaneeffachuun danda’ameera jedhan.