Xurree ittiin seenan

Breaking News

Polisiin Dirree Dhawaa Shakkamtoota Hidhamanii Turan Gad Dhiise


Poolisiin federaalaa, poolisiin Dirree Dhawaa fi raayyaan ittisa biyyaa guyyoota shan Amajjii shan booda keessatti shakkamtoota to’annaa jala oolchan keessaa qoratee balleessaa akka hin qabaanne adda baafadhe kan ittiin jedhe shakkamtoota 32 kaleessa galgala shakkamtoota ka biroo 54 immoo har’a gad dhiisee jira.

Waajjira abbaa alangaatti itti aanaa itti gaafatamaan waajjira damee Dirree dhawaa obbo Redi’eet Girmaa VOAf akka ibsanitti itti aansees kanneen gad dhiisaman ni jiraatu.

Shakkamtoonni kun jeeqama Dirree Dhawaa keessatti uumameen shakkamanii to’annaa jala kan oolan yoo ta’u komiishinni poolsii Dirree Dhawaa fi komiishinni poolisiin Federaalaa wal ta’uu dhaan qorannaa geggeessaniin shakkamtoonni 86n kun yakka hojjechuu isaniif ragaan homtuu waan irratti hin dhiyaatiniif abbaan alangaa galmeen qornnaa jalqabame akka cufamu fi hidhaa dhaa akka gad dhiisaman murteessee jira. Qorannaan kun itti fufee waan jiruu fi kanneen yakki hojjetan ragaan irratti hin argamne taanaan kan gad dhiisaman yoo ta’u knneen mana gubanii qabeenyaa mancaasan ragaan irratti qulqullaa’ee himannaan irratti dhiyaata.

Kanneen hidhaa dhaa gad dhiisamanii fi maatiin isaanii akka walitti qabaman taasisuu dhaan gaaffii mirgaa yoo qabaatan karaa nagaa qofaa akka gaafatan, jeeqama keessatti akka hin hirmaanne gorsi kennamuufii isaa obbo Redi’eet ibsaniiru. Amajjii 13 booda kan jiran guyyoota shaniif mormiin sochii Dirree Dhawaa danqe kan ture yoo ta’u mormii kanaanis namoonni sadii madaa’anii qabeenyaan hangi tokko manca’uu isaa malee walumaa gala nageenyi buufachuu poolisiin torban tokko dura ibsa baaseen beeksisee ture.

Haa ta’u malee shakkamtoonni 300 ol ta’an mooraa yeroofii ykn immoo mana hidhaaf hin qophoofne keessatti hidhamanii qorannaan irratti geggeessamaa jira. Gochi akkasii sirrii miti kan jedhan abukaatoleen magaalattii 14 waliin ta’uu dhaan shakkamtoota kanaaf tola tajaajila kennaa kan jiran yoo ta’u gumiin waldootii kiristaanaa 12 waliin ta’uu dhaan barreeffamaan kantiibaa Ibraahim Huseeniif xalayaa barreessaniin dhimmi isaa araaraan akka dhumu gaafataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG