Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaa Oromiyaa Bara 2019 Godina Jimmaati


Oromia map
Oromia map

Shaampiyoonaa Ispoortii Aadaa Oromoo Baranaa,Jimma
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:02 0:00

Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaa Oromiyaa Ambootti Dorgoman Jimmaatti Shaampiyoonaa tahe

Ispoortii fi tapha aadaa Oromoo kana nama 60 dhiyaatutti irratti wal dorgomee ispoortii aadaa sadarkaa biyyaalessaatti geggeeffamuuf filatamaniiru.

Ispoortiin Aadaa Oromiyaa 23ffaan torban tokkoof magaalaa Ambotti geggeeffamaa ture.

Shaampiyoonaa godinaaleen 12 fi bulchiinsi magaalotaa saddeet tahan gosoota tapha 10n irratti hirmaataa turan kana taphoota aadaa hedduu mo’uun Godinni Jimmaa haala walii galaan qabxii 52 argachuun Shaampiyoonaa ispoortii aadaa bara kanaa taheera.

Godinni Shawaa Lixaa ammoo qabxii 32.2 lammaffaa yoo bahu gosoota ispoortii aadaa 10n hirmaachuun waancaa aragateera.

Qopheessaa gaarii barichaa jedhamuunis waancaa biraa argateera.

Godinni Gujii ammoo qabxii 32n sadarkaa sadaffaan yoo xumuramu wallaansoo dhiiraatiin fi dubartootaan dorgomameen iddoo dursummaa fudhate.

Tapha Qilleetiin waancaaf kan qaqqaban Godina Shawaa Kaabaa fi Bulchiinsa magaalaa Holataa yoo tahan, Godinni Shawaa Kaabaa 5 fi 1n injifachuun abbaa waancaa tahe.

Saddeeqa abbaa goolla 18 fi Xiyyaan dhiiraa fi dhalaanis Godinni Wallagga Bahaatti moo’e.Gugsii fardaatiin ammoo Shawaa Lixaatti moo’e.

Miseensi koree hojii raawwachiiftuu Federeeshinii Ispoortii Aadaa oromiyaa obbo Diimaa Abarraa VOAtti akka himanitti “ispoortiin aadaa kan ittiin eenyummaa ofiillee beeksisan waan taheef waggaatti yeroo tokko yookaan lama agarsiisuurra akka inni tapha torban torbaniin isteediyoomiiwwan Oromiyaa irratti mullataniif ni hojjanna,” jedhan.

Atileetotii 58n filataman akka Koomishinarri koomishinii Ispoortii Oromiyaa, Naasir Huseen jedhutti ammaa jalqabanii leenjiitti biyyolessatti seenan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG