Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hayyu Dureen ABO Akka WBOn Waamicha Abboota Gadaa Simatee Uummata Isaatti Makamu Waamicha Godhan


Waraanni Bilisummaa Oromoo waamicha Abbootiin Gadaa dhiheessanii fi murtii hoogganni ABO lafa kaa’e irratti hundaa’uudhaan gara uummata isaatti akka makamu, hayyu-dureen ABO, Obbo Daawud Ibsaa waamicha dhiheessanii jiran.

Koreen Araaraa, wal-dhibdee ABO fi mootummaa gidduutti uumamee ture furuudhaaf dhaabbate, Waraana Bilisummaa Oromoo godinaalee Oromiyaa adda addaa keessa jiru quunnamee haala miijessuuf jecha yeroo bobba’insaaf qophaa’ee ibsa kennetti, waltajjii sana irratti argamuun waamicha kana dhiheessan, hayyu-dureen ABO kun.

Hojii araaraa koreen kun haga ammaatti hojjetes galateeffatanii, bobba’insi isaanii akka milkaa’us hawwii qban ibsanii jiran.

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:07 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG