Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Hokkara Amantii Kakaasan To’annaa Jala Olanii Jiru:Polisii


Bulchiinsa naannoo uummattoota Kibbaa magaalaa Qullitto Keessatti oduu jette jetteen kaka’anii waldaa kristaanaa warra Protestaantii 7 barbadeessan kanneen jedhaman namoota 40 ol polisiin hidhee jira.

Magaalaa Duraamee keessa Majiidi jiru haleellaan irratti gaggeeffameera jechuun oduu sobaa dhaga’ame irraa ka’uun waldootii kristaanaa irratti tarkaanfiin fudhatame.

Walitti bu’iinsa amantii uumuun nagaa naannoo jeequuf beekaa karoorfamee kan rawwatame shira hammeenyaati jedhamee jira.

Namoota sababaa Kanaan manaa fi jireenya ofii irraa buqq’an deebisanii dhaabuuf sochiin kan jalqabame ta’u ibsamee jira. uummanni magaalatti walii wajjiin jiraachuu malee amantii fi eenyummaa irratti hirkachuun walitti bu’iinsa keessa akka hin seenne jiraatonni dubbatanii jiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG