Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Somaaliyaa Ehama Boba’aa Baasu Kennuuf Karoorfatee Jira


Kaampaanileen biyya alaa gara dhuma waggaa kanaatti Somaaliyaa keessaa boba’aa akka baasaniif ehama kan kennu ta’u mootummaan somaaliyaa beeksisee jira.

Mormitoonni garu seerri fi caasaan bulchiinsa to’annaa boba’aa hanga ba’uutti hojiin ehama kennuu kun haa turu jechaa jiran.

Qorannaan kaampaanilee Briteen lamaan gaggeefame akka agarsisuutti Somaaliyaan handaara galaana Hindiitti kuufama zayiita boba’aa abdii kennu qabdi.

Kunis Magaalaalee Garad fi Kismaayoo giddutti kan argamu yoo ta’u handaara galaanaa irra kuufamnii jiru Barmeela Biliyoona 100 ta’a.

Mootummaan akka jedhutti hojii kanaaf ehama kennuuf dorgommiin ta’u Sadaasa 7 bara 2019 fuullee keenyaa kan gaggeeffamu yoo ta’u abbaan injifate battalumatti itti himama.Qabeenya argame qoddachuu kan ilaaleen Muddee 9 bara 2019 waliigalteen mallatteeffame Amajjii 1 bara 2020 ti hojiin jalqabama.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG