Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaan Alangaa Obbo Isaayyaas Daanyoo Wabiin Gad Dhiisuuf Hajaje


Abbaan alangaa obbo Isaayyaas Daanyoo yakka malaammaltummaa harawaan shakke jechuu dhaan mana murtii ol aanaa Federaalaatti iyyatee yeroon qorannaa itti dabalaa akka kennamuuf gaafate.

Abukaatoon shakkamaas gaaffii sana morman. Manni murtii immoo wabii qarshii kuma 50n akka hiikaman murteesse.

Abbaan alangaa obbo Isaayyasiin iyyannaa obbo Isaayaasiin shakke jedhu Kanaan bara 2001 hanga bara 2005tti telcom Ethf dame MDPO jedhuuf daayrektera ta’uun hojjetaa turan. Yeroo kanattis kampanii alaa EDA jedhu waliin caal baasii malee walii galtee hojii mallatteessaniiru.

Walii galtee kanaanis hojjettoota murtaa’aniif sa’atii tokkotti $125-150tti baasuu dhaan kanaanis bu’aa hin ta’iniif doolaara $409,495 argataniiru jechuun yakkee jira. Manni murtiis gaaffii abbaan alangaa yeroo qorannaa itti dabalaa 14 gaafate fudhatama dhabsiisee ala taa’anii dhimmi isaanii akka hordofan wabii dhaan akka gad dhiisaman murteessee jira. Abbaan alangaas murtii mana murtii har’aa kan ol iyyatu ta’uu beeksiseera jedha Meleskachew Ammahaa Finfinnee irraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG