Gareen aadaa nagaa Eertraa magaalaalee Itiyoophiyaa adda addaa keessatti agarsiisa muuziqaa dhiyeessuuf har’a waaree booda gara Finfinneetti qajeeluuf jira.
Gareen aadaa nagayaa kun miseensota 62 kan qabu yoo ta’u sirbitotsa angafoota fi beekamoo akkasumas sirbitoota dargaggootaa of keessaa qaba.
Akeeki qophii muuziqaa kun inni ijoon nagaa Eertraa fi Itiyoophiyaa gidduutti uumame kabajuu fi biyyoota lamaan aadaa dhaan wal qabsiisuu akkasumas hariiroo nagayaa argame daran cimsuuf kan qophaa’e ta’uu garee kana kan geggeessan itti gaafatamaa waajjira dhimmootii aadaa obbo Iyyoob Habte Aab ibsaniiru.
Gareen aadaa nagayaa kun Guraandhala 16-21 bara 2019 yeroo jiru keessa magaalaa Baahir Daar, Adaamaa fi Hawaasaa akkasumas Finfinneetti kan argamu galma bar kumee keesatti qophee muuziqaa jabanaa fi aadaa kan dhiyeessu ta’uu Berhane Berhe Asmeraa irraa gabaaseera.