Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namni Bosona Cilaaloo Gubuutti Hirmaate Jedhame Adabame

Bosona Cilaaloo
Bosona Cilaaloo

Manni Murti Godina Arsii Aanaa Xiyyoo himatamaa bosona Cilaaloo gubuu kessatti hirmaatee, jechuun kan Abbaa Alangaa himannaa irratti dhiheesse hidhaa waggaa torbaan akka adabamu itti muramuun himamee jira.

Himatamaan kun shakamtoota lama yeroof miliqanii hin qabamiin jiran waliin ta'uudhaan bosona lafa hektaara dhibba sadeetii olii irra jiru gubuu isaa Abbaan aalangaa Aanaa Xiyyoo Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsee jira. Muktaar Jamaal tu Abbaa Alangaa Aanaa Xiyyoo Obbo Amaan Leencoo dhimma kana irratti dubbise.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:05 0:00

This item is part of
XS
SM
MD
LG