Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Biyyatti Bulchuu Hin Dandeenye: ARENA


Itiyophiyaa keessa mootummaan amma jiru seeraan biyya bulchuu hin dandeenye kan jedhu paartiin Arenaa hanga filannoon gaggeeffamuutti mootummaan tokkummaa biyyoleessaa hundeeffamuu qaba jedhee jira.

Akka carraa hojiitti ilaalamee kutaalee biyyatti hundumaa keessatti haala jechuun dandeesisuun qophiin duula waraanaa gaggeeffamaa akka jiru looltummaaf namoota kaadhimuun akka jiru keessumaa bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Tigraay keessatti qawwee hidhachuun akka itti fufee jiru dhaabni siyaasaa kun ibsee jira.

Dhiyeenya kana mana marii bakka bu’ootaan raggaasifamee kan hundeeffame komishinni bulchiinsa daangaa fi eenyummaa heera mootummaa kan cabsu waan ta’eef Arenaan akka hin fudhanne bulchiinsi lameen rakkoo qaban ofii isaanii furachuu akka qaban ta’uu baannanis mana maree Federeshiniitti ergamuu akka qabu ibse.

Heerri biyyaa kabajamee turuu akka qabu, garuu paartileen miseensa paartii biyya bulchaa jiruun cabaa waan jiruuf mootummaa haaraan yayyabamuu qaba jedhee jira paartichi.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:32 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG