Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hindii fi Pakistaan Giddutti Muddamni Hammaatee Jira


Paakistaan hawaasa addunyaa yaada sirrii hin taanee jonjeessuu manna hidhattoota haleellaa lubbuu namaa galaafate irratti tarkaanfii akka fudhattuuf Hindiin gaafattee jirti.

Hindiin paakistaan irratti tarkaanfii waraanaa kam iyyuu fudhannaan haaloo ka baatu ta’uu Paakistaan beeksiiftee jirti. Biyyoota Nukleera qaban kana lameen giddutti torban darbe balaa of-wareegaan humna waraana Hindii irratti geesisee as muddamsi hammaat e jira.

Wal falmisiistuu kan taate kaashmir irratti haleellaan banamee hidhattoota 40 galaafatee jira. Ministriin dantaa alaa Hindii akka kibxata har’aa jedhutti mummichi ministeera Paakistaan Imran Khan waan garee hidhattonni Jaish –E-mohammad kannen haleellaa kana gaggeessan dubbataniif gurra kennaa hin jiran.

Gareen kunii fi hogganaan isaa Masood Azhar Pakistaan keessa kan maadheffatan ta’uun beekamaa dha. Kunis Hindiin paakistaan irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuuf sababaa hin ta’u jedhu Khan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG