Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barnii Saandars Prezidaantii Ta’uuf Nan Dorgoma Jedhan


Barnii Saandars
Barnii Saandars

Bara dhufu jechuun 2010 tti kanneen gama Dimokraatotaa irraa prezidaantii ta’uuf Traamp waliin dirgomuuf jiran lakkobsaan dabalaa jira.

Kibxata har’a Senatar Bernii Saandars kaadhimamaa ta’uuf kan dhiyaatan ta’uu beeksiisan.

Saandars filannoo prezidaantii kan bara 2016 keessatti gama Demokraatotaa irraa injifachuuf kan yaalan ta’us garuu dhuma irratti ministritti hajaa alaa Amerikaa kan turan Hilarii Klintoniin injifataman.

Umriin isaanii 77 kan ta’e saandars ijoollee kooleejii keessa barataniif baasii isaanii tola gochuuf akkasumas mootummaan tajaajiila eegumsa fayyaa lammiwwan isaa akka babal’isuuf duulaa turan.

Kanneen gama Dimokraatotaa irraa dorgomuuf jiran hedduu akkuma ta’an Saandars itti dabalamanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG