Gurmuun dhugaa mirga dhala-namaa barbaadu, ka Tokkummaa Mootummootaa gabaasaa haarawa baaseen, hookkarri dhiittaa mirga dhala-namaa fi cabinsi mirga namoomaa gara yakka waraanaatti guddachuu malu Sudaan Kibbaa keessatti akka geggeessamaa jiru kan mirkaneessu – ragaa argachuu isaa gabaase.
Haala mirga dhala-namaa Sudaan Kibbaa keessaa, ka bara kuma lamaa fi saddeettiitti fuuleffatee dhihaate gabaasaan kun. Miseensi Koomishinicha Andirew Kilaaphaam immoo, miidhaalee mirga dhala-namaa yeroo ammaa biyyattii keessatti geggessamaa jirus bira taruun hin danda’amu jedhan.
Keessumaa wal-waraansa dhiheenya mootummaa riphxee-loltoota Adda Bilisummaa Biyyoolessaa gidduutti, walakkeessa Iquwaatoriyaa, naannawa laga Yee’iitti deebi’ee ka’etti koomishinichi baay’ee aaruu isaa dubbatan. Imaammata waa’ee lafaa gaddisiisaa irraa kan ka’e, Siiviloonni kumootaan lakkaawaman manaa fi qehee ofii irraa buqqifaman jedhu. Gareeleen wal-waraanan gandeen irratti haleellaa geggeessuu, manneen gubuu, namoota siivilii ajjeesuu, akkasumas, dubartootaa fi durboota humnaan gudeeduu isaanii akka koomishinichi gabaasaa argate dubbatu – Kilaappaam.