Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koreen sadarkaa olaanaa Itiyoophiyaa fi Ertraa Finfinnee keessatti walgahii Irra Jiru


Jila Eertraa
Jila Eertraa

Jilli Ertraa kan ministeera haajaa alaa Ertraan hogganamuu Itiiyoohpiaa kan seene ta’u ministeerri odeeffannoo Ertraa Obbo Yamaanee Gabra Maskal Twitarii irratti barreessanii jiru.

Koreen sadarkaa olaanaa kan biyyoota lameenii Finfinnee keessatti walgahii ta’een walii galtee waliigalaa tolfamee ture irratti bal’inaan eega dubbatee booda jijjirama argame xiinxalee jira.

Waliigalteen turees hariiroo dinagdee fi daldalaa akkasumas caasaa ijaarsaa biyyoota lamaan gidduu jajjabeessuu ka jedhu ture.

Ertraatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Redwan Huseen gazexaa Itiyoophiyaa Heraaldiif akka ibsanti biyyonni lameen daldala daangaa ce’uun gaggeeffamu, akkaataa itti gargaaramuu buufata donii, dhimmi Gumrukaa, Immigreeshinii fi geejibaa kan ilaaleen marii itti fufiinsa qabu gaggeessan.Waliigalteen tolfaman uummattoota biyyoota lameeniif qixxee bu’a qabeessa ta’u Redwan isanii jiru.

Gareen Ertraa miseensoota 63 of keessaa qabu ka biraan agarsiisa aadaa fi wallee Itiyoohpyaa bakka adda addaatti dhiyeessuuf torban darbee Finfinnee seenuun ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG