Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barreeffama ODP Federaalizmii Irratti Baasee fi Manneen Laga Xaafoo Keessaa Diigaman: Oduu Gidduu Kanaa Keessaa ti


Taye Danda'aa
Taye Danda'aa

Mata duree “Federaalaazimii Irratti Jaarsummaan hin Jiru” jedhu jalatti barreefamnii marsariitii ODP irratti maxxanfame marsaritii hawaasaa fi sabaahimaalee adda addaa biratti dhimmi wal duddubachisoo ta’an keessaa tokko. Dhimmoota jajjaboo ODPn akka ijootti qabatee qabsaayu keessaa tokko sirna federaaliizimii dha jedhamee jira.

Federaalizimiin dhimma ofii kophaa bulfachaa dhimmoota waloo ammoo waliin geggeessan ka jedhu barreefamni kun Sirni kun waan lafumaa ka’ee tolfame miti jedha.

Gatii guddaan itti kafalamee kan ijaarame fi Ummata keenyaaf mirgi of bulchuu akkasumas obboleeyyan isaa waliin akka dhaabbata isaatti biyya bulchuu waan ta’eef dhimma jabaa dha barreeffamnii ba’e.

Gama kaaniin naannoo laga xaafootti manneen seeraan ala ijaaraman jedhaman diigamaa akka jiran jiraattonni Raadiyoo Sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.

Mootummaan Oromiyaa gama isaan hojiin manneen seeraan ala ijaaraman diiguu kun Oromiyaa bakka adda addaatti hojjatamaa akka jiru ibsee Laga-xaafoo keessatti qofa akka tarkaanfiin kun fudhatameetti ilaaluun kun maaliif akka ta’e namaa hin galu jedha.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:07 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG