Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muhaammaaduu Buhaarii Filannoo Prezidaantummaa Naayjeeriyaa Injifatan


Prezidaantiin Naayjeeriyaa Muhaammaduu Buhaarii marsaa afraffaaf filannoon geggeessame mormitoonni isaanii wal dha’eera jedhanis walabaa fi falmii irraa walaba jedhan.

Taajjabdoota hedduu kan biyya keessaa fi alaa irraa yaadi kenname filanoon sun kan walabaa fi haqaa ta’uu mirkaneessan jechuu dhaan Buhariin ibsaniiru.

Komiishinni filannoo har’a ganama maanguddoon waggaa 76 filannoo sambata darbee injifachuu labse. Akka komiishinichaatti Buhariin itti aanaa prezidaantii duraanii Atikuu Abubakr-n sagalee dhibba irraa harka 55 fi 41n injifatan.

Buhariin paartilee mara waliin hojjechuuf waadaa senan. Mootummaan keenya kan hunda hirmaachise ta’uu itti fufa, balballi keenya illee banaa dha jedhan.

Buhariin injifannoon isaanii erga labsamee booda haasaa dhageessisaniin tattaaffii nageenya eegsisuu fi dinagdee biyyattii fooyyessuu akkasumas malaammaltummaatti duuluu kan cimsan ta’uu dubbatan.

Abubakar garuu ibsa baasaniin kutaalee Naayjeeriyaa 36 keessatti filannoon dursee itti yaadamuun waldha’e jecghuu dhaan ba’ee filannoo Guraandhala 23 fudhatama dhabsiisanii mana murtiitti ol iyyachuun kan falman ta’uu beeksisaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG