Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal Ga'iin Prezidaant Traampii fi Hoogganaa Kooriyaa Kaabaa Walii Galtee Male Xumurame


Prezidaant Doonaald Traampii fi hoogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un walii galtee mallatteessuu dura hoteela guddicha Veetnaam keessatti laaqanaaf wal arguuf turan hafee jira.

Haa ta’u malee qopheen sun battala har’a walakkeessa guyyaa dura hafe. Kunis wal ga’iin hoogganoota biyyoota lamaanii utuu hin milkaa’in adda cite.

Traamp akka jedhanitti yeroo mara dhiistee deemuuf qophaa’uu qabda. Waa tokko mallatteessuu nan danda’an ture. Waraqaa mallatteessuuf qopheessines qabna turre jedhan.

Kim uggurri guutummaan akka irraa ka’u barbaadu jechuu dhaan erga mariin sun fashalee booda Haanoyii keessatti tuuta oduuf kennan. Nuklera nuti akka dhabamsiisamu barbaannu irra hedduu dhabamsiisuuf walii galaniiru, garuu sanaaf jennee uggura mara hin kaafnu jedhan.

Keellaa nukleraa Yongbiyoon diiguu irratti mari’annee jirra, garuu keellaa Yuraaniyemii itti gabbisan jiraachuun haala isaa wal xaxaa taasise jedhan.

Akka Traamp jedhanitti ennaa afeerraa hirbaataa hoogganaan Kooriyaa Kaabaa biyyi isaanii yaalii misaayilaa itti dabalaa akka hin geggeessine waadaa seenaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG