Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazexaan New York Times paayleetiin Boeing Itoophiyaa 737 MAX 8 leenjii isaaf male hin fudhanne jedhee Itoophiyaan ammoo ‘dhara’ jette


Qorattoota balaa xuyyuura Itoophiyaa Boeing 737 MAX 8 Bitootessa ,2019 Bishooftuutti lafa dhahe qorachuutti jiran
Qorattoota balaa xuyyuura Itoophiyaa Boeing 737 MAX 8 Bitootessa ,2019 Bishooftuutti lafa dhahe qorachuutti jiran

Akka New York Times barreessetti xuyyuurii Itoophiyaa geejjiba xuyyuura addunyaa hedduu caala.Maashina xuyyuura akka qajeelchanii oofan tolchu,simulator qabaachuunillee biyya hedduu dura jirti. Maashinii kun akka paayleetiin xuyyuura haaraa qajeelchee oofu gargaara.

Itoophiyaan maashina sun xuyyuura keessaa qabaattullee paayleetiin Itoophiyaa boeing lafa dhahe sunitti paayleetin sun leenjii maashinii sun hin arganne jedha New York Times.

New York Times nama paayleetii Itoophiyaa Boeing 737- MAX lafa dhahe maqeeffatee oduu sun barreesse.

Itoophiyaan tajaajila simulator kana Ammajii dabree asitti qabaachbaa baate.

Dhaabii Booying New Generation namii booying 737 MAX 8 oofu diqqaattullee leenjifamuu male jedha.

Paayleetiin xuyyuura Itoophiyaa lafa dhahe sun oofu Yaared Geetaachoo duruu Boeing 737 dabalee saatii 8,000 xuyyuura oofe.

Paayleetiin kun leenjii simulator kanallee Fulbaanaa fi Onkololessa keessa fudhate. Taatullee akka namii New York Times maqeeffate jedhetti haga guyyaa xuyyuurii lafa dhahee asitti leenjii itti aantu hin fudhanne.

Paayleetiin Yaared waliin jiru ammoo leenjii maashina simulator booying 737 MAX 8 fudhachuu fi dhibaachuun mirkanaa miti.

Woma taateefuu xuyyuurii Itoophiyaa geejjiba qilleensaa adduynyaa waan hedduun faarsitu keessaa dura jira.

Gama kaaniin ammoo akka geejjibii daandii xuyyuura Itoophiyaatti, New York Times paayleetiin Itoophiyaa Boeing 737 MAX 8 oofu leenjii isaa malte maashina xuyyuura qajeelchee oofu irraa hin fudhanne jedhu dhara.

Paayleettotii Itoophiyaa leenjii FAA ykn Tajaajilii Daandii Qilleensa Amerikaa namii Boeing oof qabaachuu male jedhe cufaa ya fudhatanii fixate.

Leenjiin tun xuyyuura B-737 MAX NG haga B-737 MAX fi ta sun fakkaattu cufaa yo fudhatan.

Daandiin qilleensa Itoophiyaa akkana jedhee dhaamta:Namuu tana quba qabaatee wannii NYT barreesse dharaa qofa mitii waan adoo hin qulqulleeffatain barreesse tanaan karaa hin banne gaafate.

Woma taateefuu waan booying lafaan dhadhauutit jiru qorachuutti jiran.Akka oduu New York Times barreessetti Boeing waan silaa warshaa keessatti guutachuu male lama hin guutanne.

Eegii ji’a 6 keessatti Boeing 737 tokko Indoneezhiyaatti kaan ammoo Itoophiyaatti lafa dhahee nama 350 caala fixeen duubatti Boeing kanaayyuu qorachuutti jiran.

Booyingilleen eegii sunii software komputera isaa oli guddisee haaresse.

Koreen geejjiba kongireesii Amerikaalleen bulchoota Boeing yaamanii rakkoo isaa qorachuutti jiran.Biiroo qorannoo Federaalaa Amerikaa FBI fi FAA, Tajaajilii Daandii Qilleensa Amerikaalleen qorannoo tana itti jiran.

Hagasitti biyyitii hedduun Boeing 737 hujii irraa dhaabanii waan itti aanaa eegachuutti jiran.

Boeing 737 MAX fi MAX 9 xuyyuura dhaabiin warshaa Amerikaa hojjatu.

Addunyaa keessaayyuu akka FAA irraa arganneetti haga Muddee bara 2018tti Boeing 350 tahutti jira.Gannatti haga Boeing 60 hojjatanii baasan.

Boeing xuyyuura qarooma baranaatiin hojjatan hujii haga guddaa komputeratti hojjata.Gatiin xuyyuura Boeing 737 MAX 8 barana doolara miliyoona 120 dhiyaata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG