Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldorgommii Manneen Barnoota Itoophiyaa Maqaleetti Waldorgomuutti Jiran Oromiyaan Haga Hardhaatti Warqii 58 Haratte


Dorgommii manneen barnootaa Itoophiyaa Maqaleetti itti jiran Oormiyaatti warqii 58 haratee dura jira
Dorgommii manneen barnootaa Itoophiyaa Maqaleetti itti jiran Oormiyaatti warqii 58 haratee dura jira

Waldorgommiin manneen barnoota tana ganna lama lamatti wal dorgoman. Ee Maqaleetti jaqabanii guyyaa 10 keessa jiranii torbaanuma kana dhumatti.

Akka itti aanaan koomishineera koomoshiina ispoorti Oromiyaa,Fissihaa G/Mikaahel jedhetti Oromiyaan ispoortii 13n dorgomuutti jirti.

Oromiyaatti dura jiraa naannoo Amaaraatti itti aanaa sadeessoon ammoo naannoo Tigraay.

Oromiyaan atileetota 95 dorgommii tanatti egattee taphachiifachuutti jirti. Itoophiyaa fi Ugaandaan dorgommii iftaan Finfinnee taphataniif qophii jirti.

Dorgommiin uwwaa(haawwanii fi ijoollee dubraa) tun ta Olompikii bara 2020 irratti wal dorogoman.

Addunyaan dorgommii Olompikii bra 2020 ganna dhufu Jappaan Tookiyootti dorgomaniif qophii jirti. Waan irratti wal dorgoman keessaa tokko dorgommii kubbaa miilaa dhiiraa fi dhalaati.

Dorgommii tanaan Afrikaa keessaa biyya 12 wal dorgoma.Afrikaan dorgommii tanaaf walti qophaahuutti jirti.

Akka kanaan Roobii dhuftu Itoophiyaa fi Ugaandaatti istaadiyoomii Finfinneetti waliin taphata.Guyyaa sadiin duubatti ammoo Ugaandaa istaadiyoomii Lugogotti wal dorgoman.

Ugaandaaan ogeeyyota fayyaa waliin nama 28 kopheeffatte. Itoophiyaan taphattoota 25 qabdi.Akka lenjiftuun Ugaandaa Bulegaa jettetti akka dansaa jiranii akka dansaa leenjifamanillee.

Itoophiyaan garanaan akka keessa jirti? Daarktera kubbaa miilaa Itoophiyaa obboo Kabbadaa Warquu jedhetti Itoophiyaa taphattoota jajjaboo dorgommii tanatti filatte.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG