Xurree ittiin seenan

Breaking News

Karrayyuu bonii itti jabaatee, wal dhabii daangaa itti dabalamee, namii akka hamaa jira artistootii Oromoo achi dhaqanilleen sunuma argan


Bona,jijjiirama qilleensaatii fi wal dhabii daangaa Karrayyuu waan hedduun rakkise.Footoo Rooba Bulgaatti VOA Kenne
Bona,jijjiirama qilleensaatii fi wal dhabii daangaa Karrayyuu waan hedduun rakkise.Footoo Rooba Bulgaatti VOA Kenne

Bona,jijjiirama qilleensaatii fi waldhaba daangaa Karryyuu beelessee dheebesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:27 0:00

Horii huqqatee gabayaa hin qabu,namii ammoo jireennii itti jabaatee waan buluun hin qabu,jireennii Karrayyuu akka warrii achi dhaqee argee fi warrii lafaa jedhutti jireenna jajjabaa.

Karrayyuun warra horiiti. Lafti gamuma gamaan itti dhiphattee namaa fi horiin waan hedduun dhibamuutti jira.

Waan biyya dhibuutti jiraa keessaa tokko,bona. “Horiin qaqallatee laftii aduu biyya aii malee margii hin jiru,” jedha artisti Waaqoo Calloo dhiyoo tana miilota isaa waliin achii dhaqee gale.

Jijjiiramii qilleensaalleen waan Karrayyuutti jireenna jajjabeessuutti jiru keessaa tokko.

Jijjiirama qilleensaa,wal dhaba daangaatii fi bonii Karrayyuu waan hedduu rakkisuutti jira
Jijjiirama qilleensaa,wal dhaba daangaatii fi bonii Karrayyuu waan hedduu rakkisuutti jira

Horiin Karrayyuu durii bisaan Boorataa Leedii Roobaa dhuga.Bisaan sun amma wal dhaba daarii naannoo Amaaraa irraa dhufeen dhuguun dhiba taate.

Haroon HinQuuftuulleen fulaa durii silaa bisaan keessaa dhugan sunilleen amma tahuutti hin jirtu.

Artistootii Oromoo nami akka Waaqoo Calloo,Sayyoo Dandahaa,Fayyisaa Furii,Jalko Qasarii fi Ibroo faatillee aanaa Fantaallee keessaa lafa akka Qararrii Barruu,Ollaa Abbaa Kulaa dhaqanii laalanii jireenna namatti jabaate argan.“Horiin foon qabaatee maallaqa hin baasu.”

Artistotoii tun “Lammiin lammif” jedhanii jara kana dhaqanii laalanii diqqaattullee garaarsa wayiillee harkatti qabataniif.

“Rakkoon Karayyuu bisaanii fi qoonqoo.Foon qabaate hin gurguratan. Mana gaaddisa citaa hin qamen keessa jiraatan.”

Artistootii tun waan achitti argan walti haasahuuf Finfinnee wal yaaman. Warra marii sun keessa jiru keessaa tokko Caaltuu Butoo.

“Namii beekaa rafe adoo yaamanillee hin dhagahu .Rakkoo Karrayyuu adoo arganii walti callisuutti mumullata.” jetti.

Wal dhabanii gama daarii Karrayyuutiin daarii Oromiyaatii fi naannoo Amaaraa irraa dhiyoo mumullatullee akka artistootii jedhanitti nama hedduu baqachiis.

“Rooba Waaqatatti namaa dhufanii waraana ammoo namatti uume.”

Artistootii tun ‘dirqama qamna” jedhaii rakkataa gargaaruutti jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG