Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan bulchootaa fi dureeyyii 60 tahan balleessaa gugurdoon himatte qaaqqabdee hiite


Ethiopia’s Attorney General Birhanu Tsegaye speaks about the corruption and human rights violation reports in the country, following the detention of 63 military and intelligence officers in Addis Ababa, Nov. 12, 2018.
Ethiopia’s Attorney General Birhanu Tsegaye speaks about the corruption and human rights violation reports in the country, following the detention of 63 military and intelligence officers in Addis Ababa, Nov. 12, 2018.

Darekteroota fi dureeyyii tana wanjala gugurdaan hiamtan.Jara kana keessaa korporeeshiinii hujii bisaanii,ejensii gargaarsa qorsaa, korporeshiinii hujii daldalaa Itoophiyaa fa Daarekteroora,itti gaafamtoota fi dureeyyii warra waliin jiran faatti keessa jira.

Jarii shakkiin qabame kun humnaa fi itti gaafatama qabuun horii hedduu balleesse.

Warrii qabame kun manii isaaniituu waan jarii argatuu oli.Tana maleellee yo mana isaanii soqan kaartaa manaa maqaa isaaniitin qabanii fi akkaawunti baankii dhoffatan keessatti argan.

Fkn qorsa biyya keessaa bitan seera malee nama tokkoo irraa birrii miliyoona 79 fi doolara Amerikaa kuma 400 oliin bitan.

Waan mootummaan bitu caal baasii malee dhossaan bichisiisuu,horii haga dabarse bituu fi waan hedduun himatan ji’a sadii qorachaa bahan.

Midhaan biyyaa bitan toonii 400 bituuf faaaydaa keessaa argachuuf jedhanii doolara Amerikaa miliyoona 23 fi kuma 700 balleessan.Gara korporeshiinii bisaaniitiin ammoo faayidaa keessaa argachuuf seera malee birrii miliyoona 55 baasan.

Wanajala gugurdaa dhibiillee qorachuutti jirraa jedha obboo Birhaanuu Tsaggyaa tatullee…

“Horiin mootummaa guddaan gama waan bitaniitin bada lammeessoon ammoo gama ijaarsaaiin bada.”Warra dhaabbilee biyya alaatiin wal jaaree biyya nagaa dhowwuuf hojjachaa bahe jedhanillee warra qabame keessaa tokko.

Abbaan alangaa addaa tana malee nama hedduu qorachuutti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG