Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maratoonii Boston Warqinesh Dagafaatti moo'ee mootummaan galate


Worknesh Degefa, of Ethiopia, breaks the tape to win the women's division of the 123rd Boston Marathon on April 15, 2019, in Boston.
Worknesh Degefa, of Ethiopia, breaks the tape to win the women's division of the 123rd Boston Marathon on April 15, 2019, in Boston.

Maratooniin Boston,Amerikaa tun dorgommii IAAF gannuma gannaan kopheessuu hedduu keessaa tokko.Hardhallee nama kuma 30 caalutti marroo tokko girri walti jedhe.

Namii waluma jalaa bu’aa dhufetti kurnyii diqqaan walti hafe.Dubraan Warqinesh Dagafaatti 2:23:31 itti awwaarsee moo’e.

Warqinesh takkuma Bostonitti dorgommii akkanaa hin moone.Atieetii Keenyaa Edna Kiplagat lammeessoo ta Amerikaa Jordan Hasay ammoo sadeessoo.

Dhiiraan ammoo atileetii Keenyaa, Laawrence Cheronootti ittuma du'ee 2:07:57 Leellisaa Deesisaa qolchee moo'e.

Itoophyaan kaleellee Faransaay,Paarisitti dorgommii akkanaa moote. Achitti ammoo Abrhaa Milawii fi Galatee Burqaati moo’ee.

Dorgommii tana nama kuma 60 caalaatti irratti wal dorgome.Dorgommii waancaa kubbaa miilaa Afrikaa,Afcon ji’a lamaan duubatti Masriitti dorgomaniif biyya 24ti walit hafee akkanaan walti qoodan.

Garee A: Masrii , DR Koongoo, Uganda, Zimbabwe

Garee B: Naayjeeriyaa,Giinii,Madagaskaar fi Burundii

Garee C:Senegaal,Aljeeriyaa,Keenyaa,Tanzaaniyaa

Garee D: Morookoo,Ayvorii Kosti,Afrikaa Kibbaa, Naamibiyaa.

Garee E:Tuniiziyaa,Maalii,Moritaaniyaa,Angoolaa

Group F: Kaameruun,Gaanaa,Beenin,Giinii-Bisawu

Shaampiyoonaan Afcon waancaa ganna dabree Kaameroon.

Taphii kun Waxabajjii 21 jalqaban Adoolessa dhuma.Ijoolleen Afrikaa kilaboota Awurooppaa keessaa taphatanillee gaafasitti boqonnaa waan qabaniif tapha kanaaf dhufuu dandahan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG