Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kilabiin FC Bayern Munich mana barumsa kubbaa miilaa isii Afrikaa ka qaraa Finfinneetti banattee dhiyoottuu leenjii leenjistootaa jalqaban


German champion football club Bayern Munich has signed an agreement to open its first soccer school in Africa, locating it in Addis Ababa, Ethiopia. European Football Federation President Esayas Jira, seated at left, and FC Bayern Munich AG executive boar
German champion football club Bayern Munich has signed an agreement to open its first soccer school in Africa, locating it in Addis Ababa, Ethiopia. European Football Federation President Esayas Jira, seated at left, and FC Bayern Munich AG executive boar

FC Bayern Munich kilabii Jermenii fi addunyaa keessattuu dorgommii kubbaa miilaatiin faarsan. Munich magaalaa Bavaariyaa keessa jirti.

Mana barumsa kubbaa miilaa ogeeyyotii isii leenjisa tana Itoophiyaatti banachuun Itoophiyaaf dandeettii kubbaa miilaa durattiin deema jedha pirezidaantii federeshiinii kubbaa miilaa Itoophiyaa, Isaayyaas Jiraa.

Akka FIFAn ji’a Ebla keessa baasetti Itoophiyaan dandeettii kubbaa miilaatiin addunyaa keessaa 150essoo irra jirti. Atileetiksiin ammoo addunyaa dura jirti Itoophiyaan.

Waancaa kubbaa miilaa isiillee bara 1962 keessa biyya isiitti dorgoman moote. Eegii sunii ittuu hin deebine.

Akka itti gaafatamaan media FC Munich Holger Quest, Jermenii irraa VOA Afaan Oromootti himetti “namii Itoophiyaa harkii guddaan ijoollee kahimaa ganna ganna 25 gadiiti. Nama kubbaa miilaa jaalatu hedduutti Itoophiyaa jiraa tanaaf mana baruma kana Itoophiyaatti bannee,” jedhe.

Bulchoota Bavariyaa fi pirezidaantii isii Markus Soeder torbaan dabre Finfinnee dhufanii bulchootaan wal mari’atanii gama kubbaa miilaalleen waliin hojjachuuf walii mallatteessan.

Akka Soder jedhetti ogeeyyotii kubbaa miilaa Bavairiyaa akka kanaan nama Itoophiyaa jaalala kubbaa miilaa dheebotu kanaa falaan dhufan.

“Tun yayyaba hariyummaan jabeeffatanillee.” FC Bayern ijoollee hedduu mana barumsa isii akkanaa kana keessatti oli guddifachaa asi geetti.

Taphattootii isii namii akka Thomas Mueller, Mats Hummels fi Toni Kroos Kolgers faatii tanuma keessa oli dhufan."Qaroomaa fi dandeettii kubbaa miilaa keenna addunyaa cufaan gahuu feena” jedhe, itti gaafatamaan damee media FC Bayern, Quest.

Mana barumsa kubbaa miilaa kilabiin Jermenii Itoophiyaatti jaaruuf deemtu kana qaraa ijoollee ganna 8-10 nama 30-40 tahanitti keessatti barata.

Ijoolleen asii baratanii akka dansaa jabaatanii baratanii fixan akkaadaamii barumsa Jermenii galuu dandahan, jedha pirezidaantiin Federeshiinii kubbaa miilaa Itoophiyaa,Isaayyaas Jiraa.

Mana barumsa kana ammaaf FC Bayern Munikitti horiin gargaara.Qaraa ogeeyyota mana barumsaa kanaatti leenjisoota leenjisaa achii ammoo ijoollee leenjisan.

Leenjiin tun akka obboo Isayyaas Waxabajjii jalqaba.Ijoollee tana torbaanitti guyyaa sadii leenjisan.

Itti gaafatamtootii kilabii tana Itoophiyaa dhufan saamisii FC Bayren ka maqaa fo lakkoofsa “Sahle-Work 1" irratti barreessanii badhaasan.

FC Bayern Itoophiyaan duratti Chaayinaa, Taaylaandi, Jappaan, Singapoor fi Amerikaa keessatti keessatti mana barumsa kilabii isaanii banatanii qaban.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG